Flrool miil shamsudin ahamad

Flrool miil shamsudin ahamad Filoor miill shamsudin Ahamad Ejjeertii

01/07/2026

Namoonni ifaajee fi miidhagina qofa dinqisiifatu; garuu yeroo baay'ee imala dheeraa duuba jiru hin argan. Miirri fi madaan hundi seenaa ofii isaa qaba; tarkaanfiin hundi ammoo amala cimaa ijaara. Miidhagina alaa qofa osoo hin taane fageenya deemame kabaji.
'inaa

Namoonni ifaajee fi miidhagina qofa dinqisiifatu; garuu yeroo baay'ee imala dheeraa duuba jiru hin argan. Miirri fi madaan hundi seenaa ofii isaa qaba; tarkaanfiin hundi ammoo amala cimaa ijaara. Miidhagina alaa qofa osoo hin taane fageenya deemame kabaji.

01/07/2026

With Adinaan Idrs – I just got recognised as one of their top fans!

Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba...
27/06/2026

Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa. .......?
Hiyyeessotaa fi dureessota!

Poor dad kana jala phd cirtificate baatee hiyyeessa akkamitti ta'e,Richi dad kana jala immoo kutaa 8 qofa baratee duroomeera...akkamitti?

Barnoonni callaatti yoo hin jijjiiramne kaanserii sammuu namatti ta'a,warreen akkasii akka isaan hin jijjiiramne kan godhu confort zone(haala keessa jiran haala mijataadha jedhanii of amansiisuu isaaniidha)kanaaf kallattii kamiin iyyuu waanta biraa yaaduu fi hojjechuun kufaatii itti fakkaata,jireenyi isaanii miindaa ji'aa isaanii qofaan daangeffamaa jechuudha,Kanaaf yeroo kam beekumsa utuu qabanii garba ta'anii jiraachuuf saaxilamu,yeroo hunda maallaqni isaan argatan isaan waan hin geenyeef wantota gurguddaa karoorsuu hin danda'an,kanneen wantoota guguddoo fedhan immoo hatuu,matta'aa fudhachuu fi k.k.f n hawwaasaa fi waaqaan wal dhabanii jireenya gammachuu hin qabne jiraatu.

Kana hunda kan isaanitti fide of ilaaluu dadhabuu isaaniiti,utuu dhuguma dandeettii isaanii beekanii akkas garba ta'anii hiyyummaa jala hin jiraatan ture. Yoona uffata meeqa jijjiirrachuuf guyyaatti 3 foon nyaattee dhugaatiin garaa of ruurressaa ooluun jireenya sitti fakkaata ta'a,of hin gowwomsin lafa kanarratti kan ati uumamteef hojjechaa ooltee biddeen nyaattee buluuf miti,namni hundi akeekaa fi kaayyoo waaqayyo isa uumeef qaba,gara addunyaa kanaa gaafa dhuftu iccitii addunyaa kanaaf furmaata ta'u waaqayyo si keessa kaa'eeraa jechuudha,ati garuu isa hubattee ofiifis dhalootaafis furmaata ta'uu irra biiroo namaa keessa ruuqamtee waa'ee qaala'insa jireenyaa mataa cabaa oolta.

Qarshiin duroomuun siif hawwaa jira sitti hin fakkaatin,qarshii danuu qabaatee mandarakee keessa raata'aan meeqatu jira,Wanti an siif hawwu inni guddaan mul'ata qabaachuu keedha,yeroo tokko tokko nama danuutti gaa'ila dhaabanii daa'imman barsiifatanii hojii qabsiisuun mul'ata itti fakkaata,Mul'anni maaliree.....akkamiin mul'ata kee beektee irratti hojjechuu dandeessa? Birmadummaa dinagdee akkamiin goonfachuu dandeessa?

Barreessaan Roobert Koyaasaakiidha. Garaagarummaa hojjetaafi hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

25/06/2026

With OBN Afaan Oromoo Plus – I just got recognised as one of their top fans!

25/06/2026

I'm in the top 1% of Nabila Sharif fans. I earned 304 points on their weekly engagement list last week.

25/06/2026

Sanyii fi Muka
Namni hundi muka dinqisiifata.

Olka’iinsa isaa.

Jabina isaa.

Gaaddisa isaa.

Bareedina isaa.

Garuu namoonni muraasa qofatu sanyii dinqisiifatu.

Sababni isaa guddinni jalqabarratti hin mul’atu.

Guyyootaaf, torbanootaaf, yeroo tokko tokko immoo waggootaaf illee, waan tokkollee hin ta’in fakkaata.

Garuu lafa jala hiddoonni ijaaramaa jiru.

Jabinni guddachaa jira.

Fuuldurri ijaaramaa jira.

Namoonni baay’een yeroo kana keessatti abdii kutatu.

Tarkaanfii suuta jedhu akka tarkaanfii hin jirretti fudhatu.

Barumsa:

Sanyiin halkan tokko keessatti muka hin ta’u.

Daldalli halkan tokko keessatti milkaa’ina hin argatu.

Dandeettiin halkan tokko keessatti ogummaa guutuu hin ta'u.

Abjuun halkan tokko keessatti dhugaa hin ta’u.

Badhaadhinni jireenyaa inni guddaan kan warra yeroo gahaa ofii kennanii guddataniiti.

Obsa jechuun eeguu qofa miti.

Obsaan jechuun yeroo eegdutti hojii kee itti fufuu dha.

Sababni isaa guddinni yeroo hunda warra oomishni isaanii gahutti osoo hin ga’in abdii hin kutanne badhaasa.

t.me/tolaaf

t.me/GodaannisaSammuu 0994656522

Address

Shemesdenahemed@gmail. Com
Adama
3322

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Flrool miil shamsudin ahamad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share