FInfinnee

FInfinnee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from FInfinnee, Shopping & retail, OFS1, Addis Ababa.
(1)

Kaayyoon Keenya hadhuura Oromiyaa fi Afriikaa,Magaalaa Finfinnee maqaa ishii kan ganamaatiin addunyaa irratti beeksisuudha.Kun immoo Oromiyaa walabaa ijaarachuudhaaf murteessaadha.like,share godhaa.

30/04/2021


.

Seenaa Magaalaa Bakka Tokkotti.

OBSAAN DUBBISAA WOLIIF SHARE SHARE GODHAA.

Maqaan Finfinnee jedhu jecha 'Fin, fi
Finnee' jedhurraa kan dhufe yommuu tahu
Maqaa Bishaan Danfaa Hora handhuura
Magaalittii keessatti argamu yeroo ammaa
'Filwuha' jedhamee beekkamuutiin kan
moggaafamteedha.
Finfinneen(Shaggar) gosa Oromoo keessa
isa tokkoo kan ta’ee, Damee ilmaan
keessaa Mandhee ykn
Quubsuma ilmaan Tuulamaa kan taate,
Qe'ee . Tuulama keessaa
gosti guddoo fi Hangafaa kan taate
irra jiraachaa ture. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas
(Hawaash) cehuun hanga walakkaa Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti
kun balbala baayyee of jalatti kan qabu
yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira.
Inni Lammaffaan Oboo Tuulamaa immoo
Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree￾Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilma hangafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira.
(Oboon Gosa gurguddaa 7 qaba yeroo ammaas Torban Oboo jedhamuun
yaamamu).

Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran
lamaan keessaa (Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroo) Gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti/Lixaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira.

Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan
jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga
Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee
gara bahaa dhuunfatee hanga
daangaa Gumbichuutti deema (ilmaan sadii qaba).
Lafti Shaggar/Finfinnee jedhamu kun bara
qabamuun ishii beekamaadha.
Jalqaba Qubsuma waraana fi maatii
yoo ta’u booda gara
Magaalaa guddiitti Empaayerittitti jijjiramee. Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti faca’uuf fi gosoota naannoo sana jiranitti makamee ture.

Ittii aanee Empaayerittii kan qabatees,
bara Hayila Sillaasee, Shaggar babal’achaa
deemuun, Oromoota buqqisee godaansisuu itti fufe. Fakkeenyaf bakki Gootaraa jedhamuu fi Fabrikaan Simmintoo ture sun bosaana dukkanaawaa fi Leenci keessaa baroodaa akka ture jaarsoleen dubbataa turan. Baruma bittaa H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun “mannaggashaa Awuraajjaa” jedhama. kantiiban haa bultumalee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaama Finfinneetti ilaalama ture. Babal’ifannaan mootota habashaa bara itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) ta’a jedhamee odeeffamaa ture. Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture.

Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootiin daangeffama. Kan jechuun warra
Finfinnee/Shaggar keessaa gadi
dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo
Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan
Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo Tuulamaa h**e jechaadha. Fakkeenya
Meetta fi S***a sadeen (3n) fi kkf. Amma Bara buqqifamuun Oromoo itti hammaatee, Sababni isaa misooma maqaa jedhuun gurgurtaa lafaa irraa argamu maallaqa waan barbaadaniif,
warra qabeenya qabanitti lafa maqaa liizii
jedhuu hanga waggaa 99ti kontiraata
gurguruuf waan ta’eef. Karoora Wayyaanee
“Ammisti Amata Pilaan” jedhuu inni jalqabaa ganda qonnaan bulaa Oromoo
naannoo Shaggar 27 Finfinneetti dabalee
karoorfatee ture.

Karoora waggaa shanii inni lammaaffaan immoo, gara Onaatti (Waraadaaletti) cehee karoorfate. Karoorri waggaa shanii inni 3ffaa fi amma keessa jirruu fi dhumaa jiru kun immoo gara Zoonitti cehee, gara Onaa (Waradaalee) jahaa dabalee ture. Amma lafti zoonii kana keessaa gurguramee, Oromoon buqqa’ee dhumee jennaan, Maqaa “Zoonii addaa” jedhuu irraa haqanii qaama Finfinnee taasisuun, karoora waggaa shanii isa itti aanu qopheefachuuf
ture. Kanaaf Karoorri waggaa shanii
inni ittii aanuu kan karoorfamu “Zoonii Addaa” irraa gara “Kutaa addaa” jedhamaa. Kunis isa duraan “Shoe ykn ” jedhu sana gara karoorsuf kan tilmaamame fakkaata. Kun eegaa adeemsa keessa mirkanaaya. Seenaa Finfinnee/Shaggar ilaalchisee barruu “Duudhaa” jedhu irratte maxxanee dhihaatee ture keessaa hanga tokkoo akka itti aanutti gabaabsee dhiheessuuf ni yaalla.

Hawaasni warra Amaara Manz jalqaba
jaarraa 18ffaa tti babal'achuu jalqabee,
bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu
Menelik mootummaa dhaabbate. Sahle
Sillaseen Motomaa Manzee ykn Shawaa
dha bara 1813 amma 1847tti waggaa 34
bitee. Waggaa-waggaatti si'a lama ykn
sadii Oromoota ollaa isaa turan weeraraa
kan ture Sahle Sellaaseen, akkuma bare
bara 1843 keessa Finfinne weerare. Namtichi Major W. C. Harris jedhamu,
mootummaa Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti
ergamee, baatii 18fi Sahle Sillaasie wajjiin
yeroo turetti weerara Sahle Sellaaseen
Oromoo irratti geggeessaa ture dukaa
deeme argee, hubatee, macaafa "The
Highlands of Aethiopia (1844)", jedhamu
barreesse. Harris macaafasaa keessatti
kutaa “Bobbaa boojii fi Saaminsaa
(saamichaa)” jedhu jalatti waa’ee
gabaabaatti akka armaa gadii barreesse.
[Bara 1890 keessa ]. Tikseen saanii, balaa
itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin
baane; nagaan loonsaani tiksata jiru; inni
kaani maasi-isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin isaanii weeddisaa
mana bira dalagatu; aduu dhihuuf deemti,
laafaf mukni ifaa shee gammaachuu
gudaan waan calaqsani fakkaata. Garuu
osoo aduun hin seenin, badii guddaan
biyya kana irratti diriisuuf, warri akka
bineesaa nama nyaatani kumaataman itti
dhangala’a jiru."
"Sahle Sillaaseen... ... "nafis
abbaatti isaatiin" yeroo gabaabaaf erga
mari'atee booda, gara waraanasa isaatti
galagalee, "Waaqin abbootii keenya, nu ha
jabeessu!" jedhee ibidda fi meeshaa
waraanaan akka Oromoo irratti bobba'an
ajaje. "Warranni Amaaraa, otoo Oromoon
hin beekini akka galaanaa mandaroota
Oromoo irra dhangala'e. Oromoota
lubbusaanii baasuuf baqatan ari'aa,
midhaan ga'ee ala jiru barbadeessaa, loon
ala dheedaa jiru ooffachaa biyyaa Oromoo
balleessuu eegalan. Ibiddi isaan mana fi
qabeenya naannoo weeraran kanatti
qabsiisanii fagoo dhaa mul'ata. Aarri
manaaf midhaan gubatu gama-gamatti
lafaaf waaqa dukaneessa jira." Akkasittii
biyyaa baleessaa, waraanni Amaaraa gara
Finfinne dhangala’e” jedha . Kanatti
fufee akkana jedhee kataba: Sahle Sillaaseen tarkaanfii waraanni isa
fudhachaa jiru ilaalee, fuulli isaa
gammachuun ife. Ni boone. Warraan
Amaaraa Finfinnee ... kan qonnaa
midhaanitiin miidhagdee, mandaroota
hoo'aa kan qabdu, uumaan kan bareedina
badhaasetti bahan. Dirree magarsuunshe
nama dinqisiisu, burqaaleen bishaanshee
calaqqisan, mukoota gaaddisa kennaniin
kan guutte, yeroo dheeraaf warra
Habashaan hin weeraramin turte."
Egaa warri dha diinni nutti dhufa
jedhani hin yaadne ture jechuu dha.
dabale waa’ee kanaa akkana jedha: "Sabni
lafa sana qubate jiru, qabbenyasaa gatee lubbusaa baasuuf
baqachuufilee yeroo hin argatne. ...
Waraana Amaaraa bosona hunda keessa
baqattoota adamsaa, ijoollee fi dubartoota
bakka dhokatanii harkisanii qabaa,
manguddoo fi dargaggoo osoo hin jedhin,
dirree fi bosona keessatti ajjeesaa, qaama isaanii irraa muratani; biyya erga samanii
booda ibidda itti qabsiisani. ... Horii
hunda walitti qabanii ooffatani. Oromotaa
marsanii waraanani. Qe’ee fi bakken
reeffaa Oromoon guutame. Kanneen
baqatanii dirreetti bahan akka bineensaa
adamfmanii ajjeefamani; ijoollee umuriin
baraa sadi'i fi afurii, kan aayyoo fi aabboon
damee muka keessa dhoksan, muka irraa buusani akka oolaa qalanini, ykn
achumatti rasaasan ajjeesanini. Saa'aatii
lama keessatti waraanni Amaaraa kun
lagaa fi dirree Finfinne irra reeffa Oromoo
afee, shamarran fi ijoollee qaamin irraa
murame iyyisiisaa, "faacha" reeffarraa
murate qabatee keessaa bahe."
Harris yeroo ittuma fufee katabu akana
ibsa, "... Sirni warra , ummata itti
duulan dagachiisanii wareersuu, ajjeessuu
fi qaluu irratti hundaa'e. Sirna waraanaa
irratti waan hundeefame miti"... Erga
Finfinne saamee barbadeessee booda,
waraanni Sahle Sellaasee Oromoo Yakkaa saamuutti dabre. Garuu Oromonni Yakkaa
diinni akka itti duula jiru hinbekne ture.
Harris, itti fufee, akkas jedhee "Humni
waraana Amaaraa faffaca'ee Oromoo
saama, biyya gubaa ture, kabaroo
rukutamuun waamamee, loonni fi
qabbenya saame, dubartoota fi shamarran
booji'e, akkasumasi qaama kanneen
ajjeese irraa murate qabatee ... walitti
qabame. Ajjeechaa hamma hin
jedhamnetu raawwatame. Reeffii ijoollee fi
maanguddoo biyya guute; 'nafsa
gadaayonni', qaanii malee, saalfii tokko
malee dhaddacha mootiisaanii wajjiin ni
sirban, ni gammadan. ..." "Yeroo gabaabaaf erga boqotanii booda
biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo, kan duraan
barbadeessanii dabran keessa,
bobbaasaanii itti fufan. ... Sa'aa 14 farda fi
gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii
booda waraanichi boqotuuf dachaa
keessa buufate... Fardi fi
gaangoon hiikaman midhaan ga'ee ala
dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon
kuma hedduun lakkaawwamu, karaa
dheeraa oofamee kan dhufe ...walitti
qabanii erga iddoo tokkotti itisani booda ...
Sahle Silaaseen gammachuu guddaan
halkan sanaf bakkaa bulu qabate. ..." Waa’ee lafa bulti waraana Amaaraa yaggu
katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa
bultii isaaniti halkan guutu dhaga’amu waan
raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo
goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi
dubartii Oromoo booji’aan itti roorrisaa
jiruu yaggu ta’u; karaa gara biraa moo
kanatti makamee kan gurraa nama
duuchu, abidda marsee, fooni dheedhi
horii saame nyaachaa "fukkaraa" fi
"qarartoo" waraanni godhaa buleedha. Sagalee kanatti dabalame hirriba kan
nama dhorgu, abidda gamaaf gamatti
mandaroota Oromootti gubaa jiru halkan
guutuu biyya akka gucaa ibsaa bulu isaati
jedha. Mee boo’icha Oromoo saamama jiruu fi
sagalee Amaaraa injifannoo argatee
gammadda jiru kana ijaa sammuu
keessaniin ilaaluu yaalaa: Akka Harris
himutti, Sahlee Sillaaseen, waggaa 40 moo'e
keessatti, yeroo 84 Oromoota naannoo
isaa turan weerare. Kun Finfinne qofa
keessatti ta'e miti; Sahle Sillaasee
qofanis hin godhamne. Oromiyaa
keessatti yerooo dheeraaf bakka meeqaf
meeqatti Sahle Sillaasee boodallee
godhamee jira.

Dabaree II: Giddu Galeessa bara 1880 titti
Finfinnen Amaaraan Qabamuu Waggaa 40
caalaa Saahile Sillaaseen Oromoo saama turee bara 1847 keessa ni du'e. Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekottu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855 ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa Minilik nugusa shawaa ta'e. Saahile Sillaaseen deebi'e deddeebi'e Ormoo ha wareeru malee, biyya Oromoo qabachuus ta'e keessa turuu hin dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen dadhabe raawwachuu danda'e. Oromoo weraree saamuu qofaa utuu hinta'in, biyya Oromoo koloneefachuu danda'e.

Oromiyaatti Mootummaa baldhisaa, jalqaba bara 1881 dhufee qarree
irratti teessoo ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan humna
Amaaraan hin cabin naannoo sana waan
jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture.
Haa ta'u malee gargaarsa gantuu lammi
kan akka qabatee wagga yartu booda Oromota naannoo moo’u danda’e. Egaa kana booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa isaa irratti jiraachuu kan danda'e. Lafa Oromoo baalabaatota Habashaa fi loltuu isaaf hiree, bara baraan magaalaan babal'achaa dhufe. Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan lakkaawaman qe'ee isaaniiti akka buqa'an godhaman. Lammiin Oromooo qe'ee isaaniitii buqa'an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara lixaatti godaanan. Waa’ee Menelikiin qabamuu,
Oromoo tokko 'Inxooxxoo dhaabbatani'
jedhee kan aarii isaa geerarsaan
dhageessise dhaloota dhalootatti darbee
jira. Geerarsisaa akkas jedha:

dhaabatanii Caffee gadi ilaaluun hafe
Finifinnee loon geesaani Hora
obaasuun hafe
Tulluu Daalattii irraatti Yaaiin Gullallee hafe
Gafarsattii darbanii Qoraan cabsachuun hafe
Hurufa Boombii irraatti Jabbiilee yaasuun hafe
Bara jarrii dhufani Loon keenyas indhumani Edaa
Mashashaan dhufee Birmadummaanis
hafe!
Geerarsi kun seerri Gadaan iddoo buqqa'u,
qabeenyi Oromoo saamamuu fi ilmaan
Oromoo birmadumma dhabu isaani ibsa.
Koloneeffattoonni maqaa biyya Oromoo
jijjiirani, Finfinne Kirstinnaa kaasanii Addis
Aabebaa jedhanii maqaa baasaniif. Egaa akkuma beekamu magaalaa dafqaa fi dhiiga Oromoo ijaaran keessa ta'anii
waggaa dhibba tokko oliif impaayeritti fi
Oromiyaa mara cunqursaa, saamaa turani.
Dabaree III: Wayyaaneen Sentee Barrii
1991 dabaree nafxanyoota ta'e.
Nafxanyoonni haaraan kun Finfinne irra
kiilo meetra 800 fi 1000 biyya fagaatan,
fi irra dhufani, ilmaan
Oromoo Finfinne haa jiraatanii, hin jiraatanii, jedhani murteessaa jiru.
Waggaa kurnan dabran keessa bittaan
beekaa fi daldaltoota Oromoo
irra buqisaa ture. Sagalee Oromoo magaalaa keessaa fi biyyaa guutummatti ukkamsee jira. Gaazeexotni Oromoo fi waldaan aadaa Oromoo dhaa
akka cufaman godhee jira. Beektota,
ogeeyyi gaazeexa fi artistoota Oromoo
kaan hidhee kaan immoo biyya saaniiti
ariyee jira, kaan immoo lubbuu isaanii balleessee. Daldaltoota Oromoo gidira irra
dhaabuu fi dinagdee isaanii balleessuu
maayii isaa godhateera.

i. Cabiinsa Halagaa Dura Ilmaan Oromootu
Finfinnee Bulchaa Turan Madda Seenaa
Irraa;

1. Caffeen Tuulamaa kan bulchaa ture
gooticha Oromoo ti.

2.Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture .

3. Teechoo kan bulchaa ture .

4. Boolee Kan bulchaa ture .

5. Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture .

6. Kolfee kan bulchaa ture .

7.Qaraniyoo/Dalattii kan bulchaa ture .

8. Jarsaye kan bulchaa ture .

9. Yakkaa kan bulchaa ture .

ii. Karra Shanan Finfinnee.

1. Karra Qirxi – karaa gara kaaba geessu.

2. Karra Qoree – karaa gara Jimmaatti geessu.

3. Karra Allo- Karaa gara Walloo/Daseetti nama geessu.

4. Karra Qaallu/Qaallitti- karaa gara
Bishooftuutti nama geessu.

5. Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu.

iii. Bulchiinsa duraanii keessatti akkaataa
onoonni wal qoodan akka armaan gadiiti:

A. Ona Caffee Tumaa

1. Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi
galaan arraabaa turan amma bakka
Filwuha jedhamu sana.

2. Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa
jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala Minilik, bakka qubsuma waraanaa isaanii godhatan dha.

3. Dirree Caffee Araaraa Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist
kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu
dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.

4. Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee
jedhamu irra ture.

5. Keelloo Masqalaa Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur
jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist
Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma
baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka
amma xiyyit beet jedhamu.

6. Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata poolisaa 6eessa fi bakka baahitaa jedhamu.

7. Dhaka Araara Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli Hilton jiru.

8. Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata.

9. Awwaaroo- bakkuma amma Awwaaroo jedhamu dha.

10. Hulluuqoo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu fi bakka
amma raas birru safar jedhamu ammata.

11. Hora Finfinnee- bakka amma filwuha
jedhamee beekamu, bakka mana masaraa
mootummaa isa lammaffaa fi Awwaaree
dabalata.

12. Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet, gotaraa fi walloo safar
jedhamu.

13. Dabbasoo – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.

14. Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.

B. ONA BIRBIRSA YAA'II GOOROO.

1. Waddeessa – bakka amma Piyassaa,
Charchar Godanaa, fi Araadaa Giyorgis
jedhamu kana.

2. Maarama Birbirsa –bakka amma Bataskaanni Goorgis jiru kana.

C. ONA QARSAA.

1. Hurufa Raaree – bakka amma buufanni
konkolaataa dhaabbatu, bakka amma Raas
Ganamee Safar jedhamu fi Addisuu Mikaa'el dabalatu dha.

2. Sokorru – Bakka amma Hospitaala Amanu'el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa fi kuas meedaa jedhamu hammata.

3. Sulula Garbii – Bakka amma
Taklahymanot fi Cid tara jedhamee
beekamuudha.

4. Garbi – bakka amma
sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru
sana dha.

5. Qarsaa – bakka amma Markaatoo jedhamu, Amerikaan Gibbii fi Masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.

6. Baaroo Kormaa – bakka amma Gollaa Mikaa'el, Raas Tasamma Safar, Hospitaala Xiqur Ambassaa fi bakka Waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.

7. Dachee Golbaa – bakka amma Addis katamaa jedhamu kanaadha.

D. ONA GULLALLEE YKN MANA GULLALLEE.

1. Adaamii- bakka amma Bataskaanni
Rufaa'el jedhamu jiru, sameen mazagajaa,
fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee
ammata.

2. Diddiimtu – bakka amma Shogolee jedhamee beekamu ammata.

3. Qaallee – Bakka amma Askoo jedhamu.

4. Fiichee – Bakka amma Dahannoo Xaliyaani ykn Xaliyaan Mishig jedhamu.

5. Kattaa –ammas Kattaa jedhama

6. Burayyuu –Bakka amma Burrayyuu fi Gafarsaa jirudha.

7. Harbuu Irreechaa – bakka amma
Raas Hayiluu Safar jedhamuudha.

E. ONA ABBICHU.

1. Burqaa Ejeree – Bakka amma Enxooxxoo Kidana Mirat jedhamu fi bakka amma Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaati.

2. Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus Raas Kaasaa Safar jedhamu.

3. Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi Bataskaanni Aabboo
jedhamu jiru ammata.

F. ONA XIIXAA (ENXOOXXOO).

1. Haxxee Laalii – bakka amma Shiroo
Meedaa fi Enxooxxoo Maramiin jiran fi
naannoo isaa ammata.

2. Muujjaa – bakka amma Shiroo Meedaa jiru keessattuu itti waamamuudha.

3. Waayyuu – bakka amma Qacanee Madanalam jedhamu ture.

4. Karaa Qorxii – bakka amma Balay Yallaqaa Mangad jedhamuu fi Samen bar jedhamu ammata.

G. ONA EEKKAA.

1. Burqaa Qorichaa – Bakka amma Yakkaa
Mika'el Xabal, Laga Qabbana, fi Laga Daadhii jiran dabalata.

2. Karaa Alloo Riqicha –Bakka amma Imbasiin Engiliz, Imbasiin Jarman fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.

3. Harbuu – bakka amma Gurd
Shoolaa jedhamu dha.

4. Kotabee –Ammas kotabee jedhama.

5. Dooqaa Booraa – Bakka amma Haya Hulat Mazoriyaa jedhamu dabalata.

H. OBA BOOLEE.

1. Garjii – Ammas Garjii dhumaan beekama.

2. Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhaan beekama.

3. Warra Ganuu – Ammas Warra Gannuun beekama.

I. ONA TEECHOO.

1. Golboo – bakka amma Marqos,
Warshaa Qadaaddi (Qorkii), Qaallitti, Qeeraa, Gofaa jedhaman ammata.

2. Lumee –bakka amma Bataskaana Yooseef jiru kana dabalata.

3. Laaftoo Tumtuu – bakka amma Bunnaa Bord jedhamu ammata.

4.Jaajaa – bakka amma Biheere Tsigee
jedhamu ammata.

5. Tulluu Ejersaa –bakka amma Mannaa Marizaam jedhamu ammata.

6. Tulluu Dheertuu – bakka amma
Gofaa Beetamangist jedhamu ammata.

7.Baaboo – bakka amma Addisuu Qeeraa
jedhamu dabalata.

8. Sammuu Gullallee –bakka amma Meettaa darichaa jedhamu ammata.

J. ONA CAFFEE AANNANII.

1. Caffee Muudaa – Bakka amma manni
murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata.

2.Harbuu – Bakka amma Meksikoo, mana
barnoota tagbaara id jiru, Mana Adabaa
Finfinnee, bakka Saar Beet jedhamu, bakka
Geejjaa Safar jedhamu, mana barnootaa
Dajjaa Baalchaa, bakka oomisha dhugaatii
Wazin Xajji, bakka oomisha Kookaa Kollaa
dabalata.

3. Harawaa – bakka amma oomishinni Haadaa jiru (Qaacaa Fabrika) jedhamu dabalata.

K. ONA JAARSAYU

1. Calcali – bakka amma Saar Bet jedhamu
dabalata.

2. Mardee – bakka amma Arogee
Awropilan Marefiza, Midir Xor, Ganda
Tolasaa, fi Raphii jedhaman ammata.

3.Bakkanniisa – bakka amma Makkaanisaa
jedhamee waamamu dha.

L. ONA KOLFEE.

1. Daalattii – bakka amma Qaraniyoo
jedhamee waamamu.

2. Labu – bakka amma Siga Meeda, Taxaq Xor Safar jedhamu ammata.

3. Xaroo – bakka amma Axanaa Taraa fi Faxino Darash jedhamuun beekkamuudha.

25/04/2021

AFAAN OROMOOF
DURSA KENNI.

25/04/2021
16/03/2021

Finfinnee dhuunfachuuf Qubeedhaan haa barreessinu.

Address

OFS1
Addis Ababa
995

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FInfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FInfinnee:

Share