Mul.ataan qaba.

Mul.ataan qaba. gara milla,inaa nama geessa !!!!.

18/08/2026

Qormaata Ittiin namoota kee addaan baastu
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Namoonni Haasawa keef ykn kaayyookeef caalaa bu'aa sirra argatanuuf siduuka deemu. Kanneen kaayyoof siduuka deeman parsantaa 1% hincaalu. Parsantaan 99% bu'aa sirraa argatan qofaaf siwaliin jiraatu. Dhaabbanni garuu kan jiraatu, kan guddatu namoota kaayyoo dhaabbatichaatti amananiifii fudhatan qofaani. Utubaan dhaabbaticha 1% sana. Utubaan sun yoo kufe ykn cabe ykn bade dhaabbatichis kufeera. Namoonni 99% sun akka bilookkeettiiti malee utubaa miti. Utubaa malee girgiddaan hindhaabbatu. Egaa namoota kaayyoof siduukaa deemanuu argachuun baayyee waan sitti ulfaatuuf qormaata garaagaraa qopheessaa deemuu qabda. Qormaata ati qortu keessaa muraasan siif caqasa.

Namoota kee guyyaa tokkotti adda baafachuu hindandeessu. Guyyootaafii woggoota hedduu sitti fudhachuu mala. Qormaata dura kaayyoo kee hubachiisuuf yaalta, yeroo hunda abjuufii mul'ata bareedaa qabdu biratti haasofta. Guyyaa guyyaan dhimmoota biroo dhiistee egeree itti dubbatta. Suuta suuta qormaata irra kaa'aa deemta. Qormaata qoruu dirqama qabdu keessaa muraasni kan armaangadiiti. Namni qormaata kanneen armaangadii hindabarre Alaabaa kaayyoo keetii baachuu akkan dandeenye ammuma beekkataa deemuu qabda.

1ffaa:- Dalagsiisii ka'ii Maallaqa dhorkachuun rakkisi Ilaali
2ffaa:- Osoo inni hindalagin Maallaqa itti kennuun fudhachuuf dhiisuu isaa madaali maalummaa isaa bari.
3ffaa:- Iccitii Garaa garaa itti himuun xiinxali
4ffaa:- Hojii Humnaa olii itti Ramaduun waan inni godhu ilaali
5ffaa:- Hojii inni hinjaallanne itti kennuun maalummaa isaa bari
6ffaa:- Badii isaa malee ittin loluun bilchina isaa madaali
7ffaa:- Osoo inni balleessuu callistee Ilaaluun eenyummaa isaaa addaan baasi.
8ffaa:- To'annoo tokko dhiisii akka barbaadetti yeroo barbaade hojjatee yeroo barbaade akka dhiisu callistee ilaaluun eenyummaa isaa isa dhugaa irra gahi.
9ffaa:- Sadarkaa inni qabu gadi buusuun jabina isaa xiinxali
10ffaa:- Sadarkaa

17/08/2026

MUL'ANNI...✍
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➪ Adeemsa sammuuti.
➪ Ta'uu dha malee taa'uu (iddoo qabachuu miti).
➪ Boba'aa gaggeessaan tokko ittiin adeemuu danda'uu dha.
➪ Humna ittiin waan haaraa uumanii dha.
➪ Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniifi dha.
➪ Har'a caalaa fira borii ti.
➪ Ija foonii caalaa fageessee arga.
➪ Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
➪ Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
➪ Hojii tokko shanee miti.
➪ Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
➪ Wanta ati of harkaa qabdu irratti hin hundaa'u.
➪ Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.

════════════
◉ Mul'anni dhabamuun sababa badiisa dhaloota baay'ee ta'eera.
◉ Mul'anni dhabamuun hiyyummaa namoota baay'eef sababa ta'eera.

"Vision is a picture of the future that produces passion."
◉ Mul'anni hin ilaalu, ni Arga malee.

◉ Waan beektaniifi dubbistan dhalootaaf haa dabarsinu Waliin barannee waliis haa barsiifnu!

26/05/2026

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Address

Oromiyaa
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mul.ataan qaba. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share