Petros Robe Shera

Petros Robe Shera Tokkummaa Obboloowwan.የወንድማማቾች አንድነት።

  hir'isuun Fayyadamummaa Uummata keenya Mirkaneessuuf Godina Gujii Aanaa Booree ganda 01 iddoo addaa Naannoo teelee jed...
24/09/2023

hir'isuun Fayyadamummaa Uummata keenya Mirkaneessuuf Godina Gujii Aanaa Booree ganda 01 iddoo addaa Naannoo teelee jedhamutti Gatii Madaallawaan Bulchiinsa Magaala Booreetiif Waajjirra Daldala Aanaa Booreetiin Guyyaa har'aa ifatti jalqabee Ooleera.
Kanuma bu'uureeffachuun Bulchiinsi Magaala Booreetiif Waajjirri Daldala Aanaa Booree kootta gatii Madaallawaan fayyadamaa jechuun yaamicha isiniif yoo dhiyeessu gammachuu guddattu itti dhage'ama.

Oromo Guji's Culture Wearing!!
22/09/2023

Oromo Guji's Culture Wearing!!

Irreechi irree Keenna,duudhaa jeebanticha ganamaatis.================================== Irreechi mallattoo tokkummaa Fi ...
22/09/2023

Irreechi irree Keenna,duudhaa jeebanticha ganamaatis.
==================================
Irreechi mallattoo tokkummaa Fi jaalala jeebanticha ganamaati.kana yoo jennu waa malee miti.irreechi Akka aadaa oromootti galateeffannaa waaqa dachee Fi samii uumee yeroo mara woggaatti yeroo tokko Kan kabajamu ta'a. innis yeroo mara Fulbaana Naannoo 24~27 tti Kan geeggefamu yoo ta'u,oromoon Marti achitti walgayee"yaa waaqa bacaqii gannaa nubaachee booqaa biraatiin nugeette Galata hoodhu"jedhaa Tulluu Fi malkaatti yaa'anii uumaa Isaa ittiin galateeffataniidha.

Ayyanichi irreechaa Kun kutaa oromiyaa kamiiyyuu keessatti Kan kabajamu yoo ta'u Akka waliigalaatti iddoo gurguddaa lamatti kabajama.isaanis:hora finfinnee magaala finfinneettii Fi harsadee magaala bishooftuutti Kan geeggeffamu yoo ta'u Kunis bara kanaaf walduraa duubaan hora finfinnee Fulbaana 26/2016 magaalaa finfinneettii Fi harsadeen Fulbaana 27/2016 magaalaa bishooftuutti Kan kabajamu ta'a.

Maalummaan kabaja ayyaanicha
✓tokkummaa
✓sabdaneessummaa
✓Araara
✓jaalala
✓sirna duudhaa ganama oromticha
🔸Gaachana sirnaa nageenya wolootiif
🔸Mana murtii aadaa Haqa wolootiif
🔸 Tajaajila lammummaa misooma wolootiif
🔸Buusaa gonofaa deeggarsa wolootiif Fi kkf Kun Marti aadaa oromticha ganamaati.

Kanaaf irreechi mallattoo tokkummaa Fi obbolummaa uummata oromooti!

Qormaatileen gurguddoon ayyaanicha kanarratti nuqoruu danda'an keessaa inni ijoon garee finxaaleyyii Kan aadaa oromticha ganamaa irratti hinaafanii Fi maalummaa oromummaa jibbanii Fi ilaalcha amantii yommmuu ta'uu dhala oromoo Kan taate Marti iddoo jirtutti hadheeffatee Akka qabsaa'uu ergaa dabarsinaa

Irreechi mallattoo tokkummaa Fi obbolummaa uummata oromooti!!

 . ።   kan jedhamuuf,Biyyi galii hin qabne,guddinaaf misooma kamuu hojjachuu akka hin dandeenne ibsuudhaaf.Galiin Biyya ...
19/04/2023

.

kan jedhamuuf,Biyyi galii hin qabne,guddinaaf misooma kamuu hojjachuu akka hin dandeenne ibsuudhaaf.
Galiin Biyya takkaa ykn Aanaa tokkoo kan irraa sassaabbamu:-
🔷 adda addaa kan daldaltootarraafi Qonnaan bultoota,Hojjattoota Mootummaa,Namoota dhaabbilee adda addaa keessa hojjatanirraa kan sassaabbamuudha.
🔷 adda adda addaa irraa kan sassaabbamu yommuu ta'u isaaniis kanneen akka :-
Ashuura Loonii
Ashuura fardoo fi Harree
Ashuura Hoolaafi Re'ee
Ashuura Caatii
Ashuura Shonkooraa
Ashuura kottee konkolaataa
Ashuura Midhaan adda addaa irraa galuudha.
Inni kun seeraan yoo galii ta'in biyyi ykn Aanaa tokko guddatee hojii bu'uuralee misoomaa kamuu Uummata isaatiif hojjachuu hin danda'u.Kan fayyadamu Uummata bal'aa osoo hin taane, Qaamota muraasatti ittiin badhaadhee jiraata jechuudha.
🔷 Kanaafuu Qaamootni dhiyeenyatti qindoominaa galii Aanaalee hordoftan mee xiyyeeffannaan hordofaatii,Galii qaamotni muraasni qofti ittiin badhaadhanii jiraatan kana fayyadamummaa Uummata bal'ataatiif akka Oolu ergaa jedhu dabarfachuu barbaada.
Tana dubbadheera❗❗
Oolee,bulee waan dubbadhu waan kanarratti.
Qabsoo Uummata Gui'iitiif hanga Aarsaa lubbuutti duubbatti hin deebi'u.

17/08/2022

Godina
Gujii
Aanaa Booreetti qindeessummaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii, Waajjira Dhimmaa Dubartootaafi Daa'mmaanii, Jaarmiyaalee Dargaggoota Aanaa Booreetiin hojii tola Ooltummaatiin manni harka qalleeyyii A/e jedhamtu Booree Ganda 01 keesaatti karaa hirmaannaa ho'aa ta'een ijaarrame.
Manichi Abbaa baala 30 yommuu ta'u baasii qarshii 43100 kan fudhateedha jedhameera.
Hojii kun hojii Eebbifamtuudha jabaachaa Dargaggoonni Aanaalee biroos.

Address

Employment Of Cooperative Promotion Office
Aje
GUJIZONE

Telephone

+251922468843

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Petros Robe Shera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category