Oromsis Feyisa Page

Oromsis Feyisa Page Ambo oromia

Tsegaye Feyisa
14/11/2023

Tsegaye Feyisa

06/06/2023

What We Need Now Is Building The Mind More Than Project Building
Specially for

28/12/2022



ANIIN KUNIS NAMA
WAANTA MEEQAN ARGE
JIBBAA FII JAALALA
WAL QABATEE MARGE
.
.
.
Takka ol nama baastanii
Tulluu Gubbaa Geessitu
Takkammoo gad buuftanii
Sooressuma Deegsitu

Hin ta'iin yaa nama koo
Akka bishaan Gabatee irraa
Gaafa Gaddaaf Gammachuu
Numatu walumaan Jirra!

Yookii dhiisi Hamachuu
Yookinis Immoo Jajuu
Akka beekaa of gochuun
Harkumaan immoo fajajuu!

Tokko Oromoo Gootu
Tokko irraa Mulqitanii
Kan koo miti maa jettu?
Handhuura of murtanii

Kan kee achi Aansitee
Horma maaf as Aansita
Albee qara lamaa taatee
Maaf Nama Gidirsita?

Wal Beekii wal utubi
Yoos baatii ifti Bakkalchaa
Sabnii waliin tokkoome
Bakka yaadee wal_galcha!

TOKKUMMAA CIMSI💪

Akka isaatu nama DhibaAmanuuf Kan RakkisuDhala namaa GuggubuTakka  lafarra harkisu Akkuma feetan gootuLubbuu yakkarraa b...
05/12/2022

Akka isaatu nama Dhiba
Amanuuf Kan Rakkisu
Dhala namaa Guggubu
Takka lafarra harkisu


Akkuma feetan gootu
Lubbuu yakkarraa bilisaa
Kansarratti maaf dhaantu
Rabbiyyuu isiin Dhiisaa??

Beekaa koo hiraarsitu
Mana isaatii baastanii
Dadhabaafii Daa'ima
Dhiiga isaa lolaastanii

Dhabee miti kan Dhumu
Qabeenya isa Hubdanii
Hammeeyya tokko hin qabu
Lubbuu Nagaa Gubdani

Sanuummoo nagaa labsaa
Biyya sagal naannoftu
Osoo uummani dhumuu
Waa'ee fayyaa haasoftu

Jireenyaa nuffee mitii
Uummanni Dhumaa jiru
Seeratu jira jedheetu
Hin barre akka wal shiru

Bara doofaan wal furee
Beekessi iddoo Dhabe
Bara Dhugaa jibbinee
Qulqulluun qalbii cabe

Barri kun Darbuu hin haftu
Lafeef Dhiigaan ijaaramtee
Jiraachuuf namni kamtuu
Lubbuuf Qaaman miidhamtee

Nuti humna hin qabnu
Yaa rabbi ati itti nuuf gali
Kan sabni kee dadhabee
Uumaa Koo Ati Nuuf Fali

Booi'cha Daangaa Darbee
Ilmoo dhaba gar malee
Akka waan barri isaa dhumee
Adabbii Sobaa Kaffale

Nurra kaasii uumaa koo
Ati hundaa Dandeessa
Hin Ga'a nuun jedhii maaloo
Jireenyicha Yaaddessaa!

 ➡Dhiisan Nama Hin Dhiisu➡waa'een Biyya Keenyaa➡Dubbatan Namaa Hin Ciisu➡Lubbuu kaffaltiin Beenyaa➡Eenyuun komadheetan➡E...
10/11/2022



➡Dhiisan Nama Hin Dhiisu
➡waa'een Biyya Keenyaa
➡Dubbatan Namaa Hin Ciisu
➡Lubbuu kaffaltiin Beenyaa

➡Eenyuun komadheetan
➡Eenyuun immoo Dhiisa
➡Yoom lafa Gaheetan
➡Qaama Guutuun ciisa

➡Gamaa Tokko Du'aa
➡Gamana immoo kolfa
➡Garaagarumma yaadaa
➡Walitti Taane Golfaa

➡Hormis Numa taajjaba
➡Qubasaa Nutti Qabee
➡Haatiif Abbaan Dadhabaa
➡Dhalasaa itti Dhabee

➡Oromoon kun kamidha?
➡Mee kamtu immoo horma
➡kamiin Daboressitaniit
➡Isa kamtu immo Korma?

➡Seera Danga Darbanii
➡Afaaniin Nuuf Dubbisaa
➡Haqa immoo haqanqaalaa
➡Sobaaf Dibbee Dibbisaa

➡waa Meeqan sin Taajjabe
➡Amma beekumsa kiyyaa
➡Akkasiin jiraatamaa??
➡Dararfamaa yaa Biyyaa!

➡Gubbaan Abidda Roobsaa
➡Jalaan hawaasa Fixaa
➡Kaan Balleessa Hin qabneef
➡Boolla Meeqa faa lixaa

➡Jaarsaa Jaartiin Hin Jiru
➡Manguddoota Gidirsaa
➡Dhiiga qulqulluu namaa
➡Akka Biyyee Firfirsaa

➡Dhiiga Dhiiraa Danfisaa
➡kan immoo lubbuu baasaa
➡Darabeedhaan Wal Shiraa
➡wal Jibbinsa Facaasaa

➡Nutti Yoo Hafe wayya
➡Gaarii Miti Dhumni isaa
➡Osoo Qilleensi Hin jirre
➡Bubbeen silaa Bubbisaa?

➡Waaqa Gadi jirra Hundu
➡Hin Darba Bara Tokko
➡Gaaraagaruummaa Dhiisaa
➡Haa taanuu Mee Gam Tokko🖋 jiruuf Na oofkalchaa❤🙏✔️

Damee Guddaa oromooSeeneessaa saba keetiiHojiin kee nu BoonseeraUumama warra keetiiDhangaan kee Nuuf GalaadhaSeenaa nu b...
07/11/2022

Damee Guddaa oromoo
Seeneessaa saba keetii
Hojiin kee nu Boonseera
Uumama warra keetii

Dhangaan kee Nuuf Galaadha
Seenaa nu barsiifatte
Waa'een kee nuuf ragaadha
Karaas Nu Garsiifatte

Aliin kitaaba Guddaadha
Kan waa'ee keenya katabe
Oromummaa nuuf si'eessee
Nuuf Dhala illee Dhabe

Jiruufi jaawwara argee
Itti Nuuf cichee raaga
Hirbuufii waadaa qabee
Daandii cufame saaqaa

Biyya hambaa fii keessa
Barsiifte oromummaa
Sirraa Baranne seenaa
Sobboonaafii Gootummaa

08/10/2022
Baga Ayyaana Masqalaan Isin Ga'eAyyaana Gaarii⚫️🔴⚪️     ❤🙏✔️
26/09/2022

Baga Ayyaana Masqalaan Isin Ga'e
Ayyaana Gaarii⚫️🔴⚪️ ❤🙏✔️

20/09/2022

Leaurate Tsegaye G/M
18/09/2022

Leaurate Tsegaye G/M

Address

Ambo, West Shewa
Ambo
3687

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromsis Feyisa Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromsis Feyisa Page:

Shortcuts

Share