23/12/2025
SEENAA IRRAA HAA BARANNUU
KUTAA-38FFAA
Joon Noormaan tibba tokko rakkoo baay'ee hamaa keessa seenee ture. Namtichi kun hojii irraa gaggeeffamee yeroo gabaabaa keessatti idaa keessa seenuu qofa utuu hintaane, wantoota duraan qabu mara gurguree fixe. Sababa kaffaltii tajaajilaa kaffaluu dhabuu isaatiin sararri bilbilaa isaa jalaa kutame. Itti aansuunis sararri gaaziifi elektirikii isaa guyyoota muraasa keessatti akka citu itti himame. Kanumaan ganama ganama yeroo mara hojii barbaachaaf manaa ba'aa ture. Galgala immoo utuu hojii hin'argatiin fuula gaddaafi abdii kutannaan gurraacha'en deebi'ee gala ture.
Gaaf tokko ganama hojii barbaacha deemuuf kutaa irribaa keessatti uffata uffatee qoqophaa'ee daawwitii qaama isaa guutuu agarsiisu keessatti utuu of ilaaluu, fuulli isaafi haalli qaama isaa waan itti jijjiirameef rifatee xiyyeeffannoon of ilaale. Miira gaddaatiin erga of ilaalaa turee booda, "Injifatamtee jirta! Nama akka kee kanatti huqqatee gurraacha'e kana eenyutu mindeessuu barbaada?" jedhe sagalee isaa ol fuudhe. Fuulli isaa nama abdii kutate fakkaata ture. Abdii kutannaan kun immoo mataa isaa irratti amantii akka hinqabaanne isa godhe. Kanumaan Joon yaadaan fagaatee gadi taa'ee yaaduu eegale. Wayita taa'e kana yaadota hedduutu keessa isaatti wal'aansoo walqabaa ture. Taa'ee yaadaa erga turee booda, ammas gara daawwitiitti deebi'e. Yeroo kanatti garuu ilaalcha haaraa qabatee daawwitii fuulduratti dhiyaate. "Lakkii ati injifatamtee hinjirtu. Har'a hojii ni'argatta. Wantoota jireenya keefis ta'e jireenya maatii keef barbaachisan niguutta" jedhee yaada duraan ofitti dubbachaa ture morme. Achiin booda uffata isaa uffatee, gara kushinaa deeme. Wayita inni gara kushinaa deemes haati warraa isaa cireefi buna qopheessitee minjaala irra keesseefii turte. Gadi taa'ee ciree isaa nyaachaa, "Damma koo, ani har'a hojii nan'argadha. Rakkinni keenya kunis ammaan booda nigoolabama" jedhee haadha warraa isaatti dubbate. Haati warraa isaas yaada isaa kana wayita dhageesse, ilaalchi isaa battalumatti akkanatti jijjiiramuun baay'ee waan ishee ajaa'ibeef xiyyeeffannoon ija isaa keessa ilaalte. Kariumaan, "Maaltu ta'e?" jettee gaafatte. Innis akkaataa itti daawwitii keessatti of ilaalaa turee, rakkoo isaatiif furmaata argate tokko lamaan itti hime. Dhuma irrattis, "Jaallee koo ani amma jijjiirameen jira. Ilaalcha haaraa kanaan akkan hojii hindhabne nanamana" jedhee ciree isaa nyaatee xumuree, haadha warraa isaatti nagaa dhaamee deeme. Gaafas galgala hojii argatee, maallaqa muraasas boorsaa isaatti qabatee manatti gale.
Akkuma manaa ba'ee hojii barbaachaaf utuun daandii irra deemuu, beeksisa, "Hojjettoota Hojii Gurgurtaa Hojjetan Nibarbaanna" jedhu argee dubbisee, "Hojiin kun kiyya ta'uu qaba" jedhee ofitti dubbatee deeme. Hojichis manaa mana irra deemuun hojii gurgurtaa hojjechuu yoo ta'u, dhuma guyyaa irratti koomishiniitu kaffalamaaf. Hojiin Joon Noormaan hojjechuu barbaadu hojii akkanaa ta'uu baatus, carraa kanatti gargaaramee jireenya isaa jijjiiruuf itti fayyadameera. Joon Noormaan ilaalcha isaa waan jijjiireef, jireenyi isaas jijjiirame. Ilaalchi isaa kun namoota isa waliin jiran biroottis darbee jireenya isaanii akka jijjiiraniif isaan gargaare. Ammaa gaggeessaa dhaabbata guddaa tokko ta'ee, hojjettoota gurgurtaa hedduu of jalatti hoggana. Idaawwan isarra jiran hundumaa kaffalee, meeshaalee duraan gurguree tures deebisee bitatee jira. Makiinota ammayyaa garaagaraa bitatee, haadha warraa isaa waliin torban torbaniin bakka fedhan deemanii daawwachuun jireenya gaarii jiraachaa jira. Joon Noormaan jireenya isaatti quufuu waan dhabeef, dharraan jireenya isaa fooyyessuu keessa isaatii finiine. Dharraan isaa kunis amantiin jabaatee dhuma irratti bakka yaade ga'e.
kiyyaa kana follow godhuu hin dagatinaa