23/08/2023
Dhugaa Dubbachuudhaaf Namoota Tokko Tokkoo Osoo Isaan Lubbuun jiranii galata isaanii dubbachuun hedduu takka gaariidha. Garu Nuti wanti nutti baramee Nama Shoora, Gahee, Qooda bareeda tokko qabu eerga inni du’ee booda waa’ee Faaruu isaa dubbatan, eerga inni du’ee booda Galata isa dubbatan. Akkasirra Nama tokko osoo inni lubbuun jiruu galata isaa dubbachuun hedduu takka gaariidha. Keessaafu ObboleessaKeenya Kadiir Martuu (Kadiir Simalee) hedduu takkan Ajaa’ibsiifadha, Sababni isaa Yeroo amma kana Nama Miidiyaa Hawaasummaa kana irratti Waan Hedduu Uummata barsiisuu dhaan Nama qooda Leenca qabuudha.
Keessaafuu Duullifi Qabsoon ObboleessiKeenya Kadiir Martuu Miidiyaa Hawasaatin godhaa jiruu kan dargaggootafi shamarran baay’een safuu Amantiifi hawaasaa keessatti cabsan irratti gaggeessaa jirufi Warra gosaan wal nyaatu, Warra Fakkeessee jiraatu hunda Hanga danda’uu Gorsaan karatti deebiisaa jiru, Waan hedduu gaarii fi jajjabeeffamuu qabuudha.
Dabalataan: Waa’ee Kadiir Martuu Ibsii yoo naan jettan, Kadiir Anaaf Nama Addaati. Nama Ijoollummaa Kootirraa haasawafi Weelluu Isaa dhaggeeffachaa guddadhe. Haasawni isaa Akka konkoolaataan yeroo beenzila guutate Fuul-duratti tarkaanfatutti, Fuul-duratti Nama Tarkaanfachisa. Welluun isaatiis dhaggeeffattee hin quuftu, Welluun Isaa Durii Kaasee Hanga Ammatti Welluu Bareedaa fi Welluu Walaloo fi Jechoonni Inni Fayyadamu Soorgoo fi Sookoo Qabduudha.
Kadiir Martuu Qabsoo Oromoo Keessattiis wanti Uummata isaaf hojjate waan jecha qofaan ibsamee dhumuu miti. Kabajamoo Kadiir Martuu Artistii Qofa Osoo hin taane qabsaa’aa Gameessa qabsoo Oromoo keessatti guddateedha.
Leenca Ija Barbaada Kan Onneeni Isaa Sibiilaa Hortee Warra Guddaa Baga Oromorraa dhalattee DhalachuunKee Qoftii gahaadha.
- Ilma Jaarraa Abbaa Gadaa,
- dhiira Akka Itti Dubbataniif Bakka Itti Dubbatan Beeku,
- Dhiira Morkii Hin Qabne,
- Kadir Leenca Keenya,
- Albuuda Keenya Qaalii,
- Ati Nuuf Qabeenya!
- Kadiir Nama Dhugaa Qofa Irraatti Nama Qeequ Kan Fakkeessuu Hin Beeynee,
- Nama Arjaa Kan Obboleessaf Toltuu Yaadu,
- Nama Garaa Laafu Kan Onnee Irraa Nasiihaa Dubbatu,
- Nama Saba Isaatiif Dhukkubsatu,
- Nama rasuula Aalamaa jaalatu S.A.W,
- Nama Diinii Isaa Jaalatu
- Nama Yoo Haasawu Onnee Irraa Haasawu
Kabajaamoofi Jaalatamoo Kadiir Martuu
Beekumsa beekumsa caalu siif haa dabaluu. Rabbiin Umrii Sii Haa Dheereessuu Kadiir Martuu Leenca Oogummaan karaa gaarirratti nama gorsuudha ati jiraadhu. Umrii dheertuun ummata kee keessa sihaa tursiisuu!
Obboleessi kee si jaalata!♥️
Onneef mana koo keessatti siidaa siif dhaabeen jira!)
Oromoon Marti Naaf Eebbiisa namaan akka malee jaaladhu Kedir Mertu !!
Emran Ibrahim……✍️