21/09/2025
Waan irraa baratamuu qabuudha🌿
"Namni Kamiyyuu Dubbisuu Qaba
================-
Guyyaa Tokko Hiriyyoota Saditu Jireenya Isaanii Fooyyeffachuuf Baadiyyaa Irraa Gala Magaalaa Adeemuuf Ka'an Osoo Adeemaa Jiranii Baay'ee Beelli Itti Ammaate.
Boqochuuf Jedhanii Gara Caakkaa Tokkootti Yeroo Goran Maallaqa Shaanxaa Guutuu Argatan Isa Booda Baay'ee Waan Beela'aniif Hiriyaa Isaanii Isa Tokko Nyaata Bitee Akka Deebi'uuf Gara Magaalaatti Isa Ergan Inni Immoo Maallaqa Kana Nyaatan Bitutti Qoricha Godhee Isaan Lamaan Fixeen Maallaqicha Kophaa Koo Fudhadha Jedhee Murteesse.
Isa Booda Akkuma Jedhe Qoricha Itti Godhee Gara Isaaniitti Deemsa Eegale Hiriyyoonni Isaa Lamaan Hafan Maalif Isa Ajjeesnee Maallaqa Kana Adda Hin Irannu Jedhanii Isa Ajjeesuuf Murteessan Iriyyaan Isaanii Inni Nyaata Bituu Deeme Deebi:ee Yemmuu Isaan Bira Ga'u Dha'anii Ajjeesan Isaanis Nyaaticha Nyaannee Gara Manaatti Deebina Jedhanii Akkuma Nyaachuu Eegalaniin Achumaan Walirra Ciciisanii Hafan .
==============
Obboloota Koo Waan Arra Mullatee Boru Baduuf Jecha Meeqan Keenyatu Walii Keenya Dabarsee Kennaa Jira Laata?
Waan Facaafne Akka Haammannu Dagachuu Hin Qabnu.
➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ