24/08/2024
Hojjetaa Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa Doolaara Ameerikaa Kuma 71 amanamummaan imalaaf deebise
OBN Hagayya 17/2016- Obbo Lammaa Baqqalaa hojjetaa Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaati, kutaa tika nageenyaa keessatti ramadamanii hojjetu.
Imalaan daandii xiyyaara Itiyoophiyaa tokko borsaa harkaa Doolaara Ameerikaa kuma 71 of keessaa qabu dagatanii deemu.
Obbo Lammaanis hojii idileerra osoo jiranii borsicha waan arganiif maallaqa keessa jiru waliin qaama ilaallatu, Biiroo Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaatti dabarsanii kennu.
Daandiin Xiyyaara Itiyoophiyaas dhimmicha erga qoratee booda maallaqicha maamilaa isaatiif deebiseera.
Obbo Lammaa Baqqalaa naamuusa ogummaafi waadaa yeroo qacaraman galan kabajuun amanamummaan maallaqichi akka deebiāu gochuu isaaniitiin Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaan galateeffatamuusaanii Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaarraa odeeffanne.
Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa?sub_confirmation=1
Feesbuukii OBN Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Feesbuukii OBN Afaan Oromoo+ https://www.facebook.com/profile.php?id=61560009941554
Feesbuukii OBN Horn of Africa : https://www.facebook.com/OBNHornofAfrica
Feesbuukii OBN Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii OBN Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Tiktok : https://www.tiktok.com/
Tiwiiterii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa