Jooraa Baand

Jooraa Baand Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jooraa Baand, Shopping & retail, Becho, Mettu.

Tajaajila si'ataafi teekinolojiin deeggarame argachuuf waraqaan Eenyummeessaa Dijitaalaa 'Fayda' murteessaadha.===Godina...
19/08/2026

Tajaajila si'ataafi teekinolojiin deeggarame argachuuf waraqaan Eenyummeessaa Dijitaalaa 'Fayda' murteessaadha.
===
Godina Iluu Abbaa Booritti namoota miliiyoona tokkoo oliif waraqaa eenyummeessa dijitaalaa Fayda kennuuf karoorfamu Bulchiinsi godinichaa beeksise.

Godinichaitti sosochii duula galmee waraqaa eenyummeessa dijitaalaa Fayda gaggeeffamuu irratti qooda fudhattoota waliin mariyatame.

Waraaqaan eenyummeessaa dijitaalaa
Imala haaraa Itiyoophiyaa dijitaaleessuuf hojjatamaa jiru haqa qabeessummaa diinagdee kan mirkaneessuu, hojimaata badaa fi alseerummaa kan ittisuu fi haala salphaa ta'een tajaajila si'ataa, qulqulluu, amansiisaa fi dhaqqabamaan akka kennamu kan taasisuudha.

Hawaasni tajaajiloota faayinaansii, tajaajilota dhaabbilee garaagaraatiin kennaman argachuuf waraqaan eenyummeessa dijitaalaa murteessaafi dirqama ta'u hubatee, bakka itti dhiheenyaan waraaqaan dijitaalaa kun itti kennamuu irraa galmaa'uun fudhachuu akka qabu bulchaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii dubbatan.

Milkaa'ina hojii kanaaf qooda fudhattoota dabalatee dhaabbilee Amantaa, manneen barnootaa, waldaalee hawaasaa, afooshaalee fi kanneen biroon qindoomiina ol'aanaan hojjachuu akka qabaniis himaniiru.

Maree kanarratti hoggantoota godinaa, Dhaabbilee teelee kom, faayinaasiifi waajjiraaleen mootummaa argamaniiru.

Waltajjii Maree Karoora Bara 2019, Nageenyaa fi Misooma Magaalaa Bachoo /2018Qindoomina Bulchiinsa Magaalaa Bachoo fi Ma...
19/08/2026

Waltajjii Maree Karoora Bara 2019, Nageenyaa fi Misooma Magaalaa Bachoo

/2018

Qindoomina Bulchiinsa Magaalaa Bachoo fi Mana Qopheessaa Magaalaa Bachootin, Waltajjiin Maree Karooraa Bara 2019, Nageenyaa fi Misoomaa gaggeeffameera.

Waltajjii kana irratti karoora misooma magaalaa, dhimmoota hawaasummaa fi diinagdee, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa, tajaajila mootummaa fooyyeessuu akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuu irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Marii kanarratti Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Bachoo Obbo Kamaal Takkaa, Kantiibaan Magaalaa Bachoo Obbo Alamaayyoo Taraddaa, Bulchaan Ganda Bachoo Obbo Kadiir Zarihuun fi ummanni bal’aan argamaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Bachoo Obbo Kamaal Takkaa, Aanaa fi Magaalaa Bachoo nageenya ishee eegsitee, diinagdeen jabaattee fi misoomaan tarkaanfattu taasisuuf xiyyeeffannoon nii hojjenna, Hawaasnis kana hubachuun gahee irraa eegamu bahachuuf qophii ta'uu qaba jechuun dhaamanii jiru.

Itti dabaluun Kantiibaan Magaalaa Bachoo Obbo Alamaayyoo Taraddaa, karoora Bara 2019 keessatti jijjiirama magaalaa fiduuf qabatan hawaasaaf ibsuun, qulqullinaa fi misooma magaalaa fooyyeessuu, Magaalaa Bachoo miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban ibsanii jiru

Akkasumallee Bulchaan Ganda Bachoo Obbo Kadiir Zarihuun gama isaaniitiin, hirmaannaa hawaasaa cimsuun nageenyaa fi misooma naannoo keessatti gahee olaanaa akka qabu irratti xiyyeeffannoo kennaniiru.

Waltajjiin kun mootummaa fi hawaasni waliin mari’achuun karoora ifaa kaa’anii, gahee isaanii adda baasuun gara hojii qabatamaatti ce’uuf bu’uura cimaa uumee jira


Gamaaggama Raawwii Hojii fi Kallattii Gara FuulduraaHagayya 12/2018 Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa BachooGamaaggamni raaw...
18/08/2026

Gamaaggama Raawwii Hojii fi Kallattii Gara Fuulduraa

Hagayya 12/2018

Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Bachoo

Gamaaggamni raawwii hojii hanga ammaatti jiru, Waajjira Daldalaa, CHU fi Invastimantii Aanaa Bachoo, akkasumas hojjettoota KBLTO Aanaa Bachoo hirmaachise, gaggeeffameera.

Gamaaggama kana keessatti raawwii hojii hanga ammaatti jiru qorachuun, ciminootaa fi hanqinoota jiran adda baasuu, akkasumas kallattii hojii gara fuulduraa irratti xiyyeeffatamuu qabu irratti mariin bal’aan taasifameera.

Hojiiwwan karoorfaman bu’a qabeessa ta’anii akka raawwataman, hanqinoota mul’atan sirreessuun, ciminoota jiran caalaatti jabeessuun barbaachisaa ta’uu irratti xiyyeeffannoon kennameera. 💪

Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa, CHU fi Invastimantii Aanaa Bachoo Obbo Asfewu Birhanuu, mootummaa irraa kaa’ame karoora hojii sirnaan hubachuun, qindoominaan fi itti gaafatamummaan hojii irra oolchuun bu’aa hawaasaaf mul’atu fiduu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

👉 “Karoora qofa qabaachuun gahaa miti; karoora qabame gara hojii qabatamaatti jijjiiruun milkaa’ina.”

Hojii keenyaan bu’aa, qindoomina keenyaan milkaa’ina, tajaajila keenyaan immoo gammachuu hawaasaa haa fidnu! 🤝✨
Sanyii Birhanu Gamaa






Jooraa Baand  !  kana Share, Like, Follow godhaa nu jajjabeessaa.Deemsi waliin gara FuulduraattiJooraa Baand Taajuu Abba...
17/08/2026

Jooraa Baand !
kana Share, Like, Follow godhaa nu jajjabeessaa.
Deemsi waliin gara Fuulduraatti
Jooraa Baand
Taajuu Abbaa Daama
Alex Ilu
Murid Mahmmad
Adisu Feyisa
Tigabu Seyoum
Muktar Fita

Ga'een Namni, Namoomni, Hawaasummaan, Barnoonni, Siyaasniifii Diinagdeen Guddina biyya tokkoo keessatti qabu Olaanaadha!...
17/08/2026

Ga'een Namni, Namoomni, Hawaasummaan, Barnoonni, Siyaasniifii Diinagdeen Guddina biyya tokkoo keessatti qabu Olaanaadha!

‎Biyyi lafa qofa osoo hin taane, namoota ishee keessa jiran irraa ijaaramti. Namoomni yoo gadi bu’e, hawaasummaan ni dadhaba; hawaasummaan yoo dadhabe, siyaasnii fi diinagdeen bu’aa sirrii hin fidan.
‎Hawaasummaan walitti dhufeenya yoo ijaaru, barnoonni sammuu bana; siyaasni kallattii humna hawaasaa murteessa; diinagdeen immoo humna sana gara jireenyaatti hiika.
‎Addunyaan har’aa nama qofa osoo hin taane sammuu, safuu, beekumsa, qabeenya fi murtee sirrii walitti qabate barbaaddi. Haala Addunyaa har’aa keessatti "Barnoota malee guddina barbaaduun ija malee karaa barbaaddudha" Barnoota malee siyaasi ija jaamaa ta’a; namooma malee diinagdeen gara lakkoofsa qofaatti hir’ata; hawaasummaa malee guddinni hundee hin qabu.
‎Guddinni dhugaan gamoo olkaasuu qofa miti; nama olkaasuu, sammuu bilisoomsuu, hawaasa walitti fiduu fi qabeenya haqa-qabeessa ta’een fayyadamuudha. Biyya tokko kan ijaaru qabeenya ishee qofa miti—quuqama lammii, qulqullina yaadaa fi itti-gaafatamummaa dhaloota isheeti.

‎Addunyaan har'aa nama beekaa caalaa nama hubatu, nama jabaa caalaa nama namaaf ta'u, nama qabeessa caalaa qabeenya isaa ittiin nama fayyadu barbaaddi.

‎Dhaloonni boruu waan nuti har'a ijaarru keessaa dhalata.
Kanaaf; 👉Jireenyakee akka ergaatti jiraadhu!
‎ 👉 Nama Addunyaan barbaaddu ta'i!
Jooraa Baand
Alex Ilu
Taajuu Abbaa Daama
Murid Mahmmad
Adisu Feyisa
Tigabu Seyoum
Muktar Fita

   Hojii keenya akka yaadametti walitti fufiinsaan hojjechuu waan dadhabneef hordoftoota keenya dhiifama Gaafanna! 👉Guyy...
15/08/2026



Hojii keenya akka yaadametti walitti fufiinsaan hojjechuu waan dadhabneef hordoftoota keenya dhiifama Gaafanna!

👉Guyyaa harr'a irraa eegallee hojii bareedaa walitti fufiinsaan qabannee isiniif dhufnee jirra! hordoftoonniifii jaallattoonni keenya page keenya kana Share gootanii akka nuuf beeksistanu kabajaan isin gaafanna!
Alex Ilu
Taajuu Abbaa Daama
Tigabu Seyoum
Muktar Fita
Murid Mahmmad
Adisu Feyisa
Tolasa Getachew

Aanaa Bachootti Duulli Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Marsaa 8ffaan Gaggeeffamaa JiraAanaa Bacho, Adoolessa 27, 2...
03/08/2026

Aanaa Bachootti Duulli Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Marsaa 8ffaan Gaggeeffamaa Jira

Aanaa Bacho, Adoolessa 27, 2018

Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Bachootti duulli dhaabbii biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaa mootummaa fi hirmaannaa hawaasaa bal'aatiin har'a milkaa'inaan gaggeeffamaa jira.

Duula kana irratti hoggantoonni mootummaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin Gadaa fi hawaasni bal'aan harka wal qabatanii biqiltuu dhaabuun eegumsa naannoo cimsuu fi misooma waaraa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiru.

Hirmaattonni sagantichaa akka ibsanitti, biqiltuun har'a dhaabamu gaaddisa qofa osoo hin taane, jijjiirama qilleensaa hir'isuun, lafa magariisa deebisuu fi dhaloota boruuf naannoo mijataa uumuuf gahee olaanaa qaba. Kanaafis biqiltuu dhaabuun hojii yeroo tokkoo qofa utuu hin taane, aadaa fi itti gaafatamummaa lammummaa ta'uu qaba jechuun ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaan guutummaa biyyattiitti yeroo walfakkaataatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Aanaa Bachoottis hirmaannaan hawaasaa cimaa ta'een hojii dhaabbii biqiltuu milkaa'inaan gaggeeffamaa jira.

Biqiltuu har'a dhaabnuun egeree magariisaa ijaarra. Hirmaannaan hawaasaa duula kana keessatti mul'ate hojii eegumsa naannoo fi misooma waaraa cimsuuf bu'uura jabaa ta'uu ibsameera.
Kemalo Teka
Kaliifaa Umar
Bultuu Abbaal
Lij Naty
Alex Ilu
Taajuu Abbaa Daama
Tigabu Seyoum
Muktar Fita

   Duula dhaabbii Ashaaraa magariisaa bifa bareedaadhaan🙏Ashaaraa Dhalootaaf
03/08/2026


Duula dhaabbii Ashaaraa magariisaa bifa bareedaadhaan🙏
Ashaaraa Dhalootaaf

 ! 🎉💧           Baga_gammaddan! Bishaan dhugaatii qulqulluun "TOP" ammas dhiyeenya keessanitti isiniif qophaa'ee jira.Da...
22/07/2026

! 🎉💧
Baga_gammaddan!
Bishaan dhugaatii qulqulluun "TOP" ammas dhiyeenya keessanitti isiniif qophaa'ee jira.

Dargaggeessi keenya hojii malee taa'uu irra jedhee, kutannoo fi kabaja guddaadhaan Magaalaa Bachoo, raabsa bishaan dhugaatii "TOP" banatee tajaajila amansiisaan isin eegaa jira.
Baasii Geejjibaa Malee,👉 Kana dura bishaan kana bitachuuf gara Mattuu deemuun kaffaltii geejjiba dabalataa kaffaluun inni ture sun kunoo hafeera!
: Baasii transport malee, achuma buufata konkolaataa fuulduraatti gatii baayyee madaalawaa fi haqa ta'een salphaatti bitadhaa, ! Bishaan Qulqullinaa fi Fayyaa Keessaniif!

📞 Lakkoofsa Bilbilaa
👉0948100381
👉0934372452

Tigabu Seyoum
Sintee Loove

Address

Becho
Mettu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jooraa Baand posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share