11/07/2021
Lafa kana irratti namni gaafa qarshiidhaan jiraachuu dhiisee qarshiidhaaf jiraatu, foon isaaf jiraata malee lubbuu isaaf hin jiraatu.
"Qarshii jaallachuun hundee waanti hamaa hundinuu irraa latudha, namootni tokko tokko yaada isaanii qarshii argachuu irra kaa'atanii ,amantaa irraa badaniiru, waraansa baayyeedhaanis of waraananiiru " 1Xim 6:10.
Ati garuu yaa nama waaqayyoo, kana hundumaa irraa fagaadhu!
Qajeelinaaf,akka nama waaqayyooti jiraachuudhaaf,amantaadhaaf, jaalalaaf, obsaaf, garaa-laafummaadhaaf dhama'i
1Xim 6:11
Maalumaafuu saboota waaqayyo, warri nuti dhuguma waaqayyootti ni amanna jettanii, Guyyaa Afurtamaa fi Saddeetamati mucummaa isaa fudhattan mee na dhaga'aa!
Qarshiidhaan jiraadhaa malee Qarshiidhaaf hin jiraatiina!