ØLīh Gåňdhī

ØLīh Gåňdhī This page is my official

02/06/2023

...
/ishee/ reef jaallateef/Jaallateef.
Siif Jedhees Hirriba dhabee
Halkan yaadakeen gubachaa
Namni Utuu na bira hin jiraatinis
ofiikootti dubbachaa
Kunoo Har'a ga'eera
qofaakoo Gubachaa
_________
Har'a Egaa siifan himaa
na dhaga'i dammakoo
Jaalala keen Gubachuu
Dadhabeera qofaakoo
Kottuutii Narraa furi
sirka jira furmaanniko
__________
Malee Anoo Gubadhee
Yaadikee Naa gameeraa
Si jaallachuu kootiinis
Rakkoo Guddaa Argeeraa
Maaloo fala naa himi
naanoo natti cimeeraa..
____________
Guyyaa sin Argin oollaan
halkan kootuu fokkisa
Yaada jaalalakeetu
Sammuu kiyya dhiphisaa
Dafimee na qaqqabi
Sirkadha furmaannisaa
________
Jaalalli silaa qixxee
Hirmaata Lammaniiti
Qofaa Yoo ta'e garuu
Baayyeema Nama miitii
Lubbuunis Gidirtee
Yaaddoosheetiin Dhidhimtii
Ammas Mee siifan himaa
Kottuu na boqochiisi
Furmaanni sirka jirtii...

30/08/2020

Eenyumma fi amala.....
Amala
Amalli dhala namaatiif kan inni biyya lafaarraa qooddatu yommuu ta'uu bartee biyya lafaa keessaa argannudha.
Fakkeenyaaf namni took tamboo aarsa yoo ta'e tamboo aarsuun isaa kan inni ittiin uumame osoo hin taane amala biyya lafummaati kan inni ittiin dhalate ykn eenyumaan isaa tambmm aarsuu osoo hin taane qilleensa baasani fudhachuudha.kanaaf walumaa galatti amalli sababa uuma biraa hin argamneef waanta dhiisuu hin danda'aamnedha.tamboo aarsuun dhiifamuu dandaa'aa garuu qilleensa baafachuuf fudhachuun dhiifamuu hin dandaa'amu.l.....eenyumma...itti fufa.share like comment...👍 Gandhi...

Gaaf tokko saayintistii Addunyaa kanaa guddaa kanta'e, Aalbert Enistaayin magaalaa tokko xiqqookeessa deema ture.Utuu de...
19/06/2020

Gaaf tokko saayintistii Addunyaa kanaa guddaa kan
ta'e, Aalbert Enistaayin magaalaa tokko xiqqoo
keessa deema ture.Utuu deemaa jiruu,duuriyyoonni
magaalichaa dugda duubaan dhaqanii dhiitan.
Galagalee osoo hin ilaaliin callisee deeme. Ammas
cimsanii akka dhukkubutti itti dabalan. Ammas
calliseema deemsasaa itti fufe. Isa sadaffaa aaranii
akka inni kufutti dhiitan. Ammas bitintiree harkaan
lafa qabatee,ka'ee deemsasaa itti fufe. Sana booda
namoonni dhaabbatanii ilaalaa turan akkas
jedhaniin; "Maal namicha nanaa yookin rukuttee
ofirraa hin deebistuu yookin seeraan hin gaafattuu?"
Jedhaniin. Sana booda akkas jedheen, "Ofirraa
deebisuuf humnasaa hin qabu. Seeratti himachuuf
immoo manni murtii itti harree himatan hanga
yoonaatti hin jiru." Jedhee bira kute.
Argitee? sammuu injifannoo!
~
Gargaaraa piro. Miratuu Shaanqoo kitaaba isaa 'Siif
galeeraa' jedhu keessatti,"Meeshaa waraanaa caala
sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni!"
Jedha.

ATI DHUGUMAAN NAMA.Yeroo Kee kenni dubbisi si fayyadaa hiriyyoota keef share godhi gorsa bareeda kana qoodif.....Nama je...
18/06/2020

ATI DHUGUMAAN NAMA.
Yeroo Kee kenni dubbisi si fayyadaa hiriyyoota keef share godhi gorsa bareeda kana qoodif.....
Nama jechuun qaama guutuu ta'ee dhalateef ykn uumameef miti.
Namummaan Kee kan ittiin ibsamu inni angafaa mul'ata qabaachuu keeti yeroon kana jedhuu nama mul'ata hin qabnetu jiraa jechuuko miti.
Nama mul'ata Isa of irratti hin beeknetu jira
Mul'ata ofii beekuun milkaa'inaaf nama kakaasa namni mul'ata isaa beeku tokkoo biyyaaf maalan buusee maatii kootif maal buuse akkasumas ofii kootiif hoo jedhe of gaafata.
kanaafu atis ergaa nama taatee dhalattee uumaan mul'ata tokko si keessaa kaa'eera. Namummaan Kee kan ibsamu mul'ata keen mul'atimmo👉 daandii milkaa'inaati.milkaa'inni immo👉 ofii keenya bira darbee biyya ofiif badhaasa tokko kanaafuu gorsi an siif qabu mul'ata qabdu irratti damaqxee hojjechuu qabda ofii keerratti jechuu koodha yoos fuuldurri Kee saba keef maati keef bu'aadha.mul'ata Kee jaamsuuf yoo si irratti kaa'nis hin ilaalin sababiin isaa mul'ata kan si keessa kaa'e isaan osoo hin taane uumaa keeti.
Hamma humnikeee danda'e mul'ata Kee dhugoomsuuf hojjedhu. Yoo sii dandaa'ame fiigi.fiiguu yoo dadhabde deemi.
Deemu yoo dadhabde foqoqi👉 garuu tasa mul'ata Kee dhugoomsuurra boodde hin deebi'iin.
Galatooma👉pagekoo kana LIKE godhaa

Praise the lord
18/06/2020

Praise the lord

Yes...WHITE_ LIVES_ MATTERBut please go and use white paint to print thatnonsense on your shirt.If not so, # Black_Lives...
18/06/2020

Yes...
WHITE_ LIVES_ MATTER
But please go and use white paint to print that
nonsense on your shirt.
If not so,
# Black_Lives_Matter
# JusticeForFloyd

Gandhi quetos
18/06/2020

Gandhi quetos

😭😭 remember
18/06/2020

😭😭 remember

•Jechoota ajaa'ibsiisoo Robert Mugabe"1. Afiriikaa keessaatti seerri namootni hundikabajan "battery low" kan jedhu qofa....
17/06/2020

•Jechoota ajaa'ibsiisoo Robert Mugabe
"1. Afiriikaa keessaatti seerri namootni hundi
kabajan "battery low" kan jedhu qofa.
2. Dubartootni hundi hanga qorichi HIV AIDS
argamutti wal quunnamtii saala(sex) hin hojjennu
jedhanii otoo didaniiru ta'e Dhiirotni qoricha isaa
guyyaa 30 keessatti argatu ture.
3. Addamii fi Hewwaan otoo akka uummata
chaayina ta'anii sila yoona jannatuma keessa jirrasababni isaas mukicha hin nyaatinaa jedhamaan
sana dhiisanii boficha nyaatu ture.
4. Ati jaalallee tokkoo ol qabda yoo ta'ee sikeessa
kan jiru jaalala otoo hin taane "Memory card" dha
5. Dubartootni tokko tokko waan jiimi (gym)
hojjetan fakkaatu garuu mana jiimii (gym) balbala
isaayyuu hin beekan . ta'us dhiira tokko biraa gara
dhiira kan birootti fiiguuf jechaa kan bocni qaama
isaanii bareedu.
6. Otoo Haadha manaa qabduu barattoota kee faana
jiraachuun sitti tola yoo ta'ee haadha manaakeef
yuuniformii barataa bitiif.
7. Seexanni iyyuu "gay " hin qabu ture sababni isaa
addamii fi hewwaan qullaa jiran waan filateef.
8. Ati miidhagduu miti taanan ani miidhagduu miti
jedhi miidhagina keessaa kan jettu dhiisi ,nuti X-ray
dhaan Ilaala hin deemnu.
9. Waaqayyoo qorataa cimaadha cinaacha dhiira
mirga keessaa lafee tokko fuudhe sagalee guddistu
(loud speaker) hojjete.
10. Addunyaan kun Biyya keenya Afrikaa kana nu
miiteetti.
∆. Faranjiin tokko otoo gara Afrika dhufee dawwata
(tourist) jedhanii simatu
∆. Afrikaan tokko otoo gara Awuropaa deeme
godaantota seeraan alaa jedhu
∆. Warri Afrikaa gara alaa yeroo dhaqan hojjettoota
faranjootaa ta'u faranjoonni yeroo gara afrikaa
dhufanis isaanuma hojjechiisatu
Kaanafuu Afrikaan addunyaa kana irraa haqa qabdi"
Maarree lakk kamtuu sitti tola filadhu yoo sitti tole
like fi share godhi.galatoomaa page kana like godhii wantoota barsiisoo kan biraa argachuu...

Address

Oromia, Wolega, Aira
Nekemte
2519

Telephone

0986704825

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ØLīh Gåňdhī posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category