Hawii Anoolee

Hawii Anoolee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hawii Anoolee, Reservoir.

09/03/2021

As wr wb akami.ijolle.Oromoo Mee page kiyya kana follow gochun like itti robsa

28/12/2020

BU’AAWWAN FAYYAA BISHAAN ZAMZAM 17
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bishaan Zamzam Qabiyyee bishaan biraa irraa adda isa godhu hedduu of keessaa akka qabu bu'aawwan qorannoo hedduun mirkaneessan.

1.BISHAAN ZAMZAM UUMAMAAN QABIYYEE BAAKTEERIYAA OFIRRAA ITTISU QABA.

akka bu'aan firii qorannoo biyyoota Awroppaa fi Su'udi Arabiyaatti gaggeeffame agarsiisutti bishaan Zamzam Uumamaan Qabiyyee (Flouride) jedhamu akka qabu ibsame.

Qabiyyeen kun Uumamamaan Bacteria fi Germ waan ajjeesu of keessaa qabaachuun isaa mirkanaa'e.

2. QABIYYEE CALCIUM HEDDUU OF KEESSAA QABA.

Qabxiin Bishaan zamzam Qabiyyee Calcium hedduu qabaachuun kun bishaan Zamzam bishaan kaan irraa adda godha.

Qabiyyeen Calcium kun dadhabbii qaama keessaa fayyisuuf gargaara, namoota yeroo dheeraaf dhukkubsatan humna isaanii ijaaruuf isaan gargaara.

3. BISHAAN ZAMZAM DHUKKUBA FAYYISA.

Bishaan Zamzam bishaan Uumaa Rabbiitiin badhaafame yeroo tahu fayyaa qaamaatiif bu'aalee hedduu akka qabu ibsamee jira.Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan. " Al Zamzam Maa Shuriba lahuu." " Bishaan zamzam waan Niyyatanii dhuganiif taha." Karaa Bu'aa Medikaalaatiin ammoo bishaan Zamzam waan bishaan biraatiin adda isa godhu qabiyyee calcium, magnesium fi Miniraalota bu'aa qaban hedduu of keessaa waan qabuuf bu'aan fayyaa inni buusu hedduu dha.

4. akka qorataan lammii Japan University Yokohama Dr. Masaruu Emoto jedhanitti Molekuuliin bishaanii hundi kan adda tahu qabiyyee Bishaan keessa jiruuni.

Haaluma kanaan qorannoo Dr. Masaru Emoto bishaan zamzam irratti godhaniin qabiyyeen bishaan zamzam keessa jiru bishasn biraa wajjiin kan wal madaaluu miti.

Molikuulii gosa gosaa hedduu of keessaa qaba. Bishaan zamzam Bifa 12 of keessaa qaba.

5. SEELII QAAMAA JABEEYSA.

Akka Qorannoon Saayintiistii Jarman biyya Munik jechutti bishaan Zamzam Seelii Qaama namaa gar malee akka jabeeysu Qorannoo godheen mirkaneeffachuu isaa ibse.

6. BISHAAN ZAMZAM NYAATA BAKKA BU'A.

Bishaan Zamzam furdina Qaamaa hir'isuuf , bishaan Zamzam laalaa beelaa nutti dhagahamu xiqqeessa,fedhii nyaata hedduu nyaachuu xiqqeessuun appetite nyaataa xiqqeessa.kuniis Madaallii adeemsa Sirna nyaataa walqixxeessuuf gargaara.

7. MADAALLII GA'UMSA QAAMAA EEGA.

Bishaan Zamzam yero irraa yerotti haala murtaa'een dhuguun madaalli Sirna fedhii qaamni nyaataaf qabu Eega.

Kuniis ga'umsa qaamaatiif bu'aa guddaa gumaacha.

8. AGARTUU QAROO IJA SIRRITTI QARA.

Yeroo hedduu bishaan Zamzamiin Ija dhiqachuun akka Agartuun ijaa sirritti qaramtu ( Sirritti waa agartu) godha dabalataaniis bishaan Zamzamiin ija dhiqachuun rakkina Ijaan walqabatan hedduu irraa nama tiiysa.

9. BISHAAN ZAMZAM MINIRAALOTA HEDDUU OF KEESSAA QABA.

Bishaan Zamzam boolla jaarraa dheeraa dura qotame irraa waan burqeef Miniraala hedduu of keessaa qaba.

Miniraalonni bishaan zamzam of keessaa qabu germicidal ( jarmii fi baakteeriyaa) hedduu ajjeesa.

Kuniis Ekspartoota fayyaa hedduun mirkanaa'ee jira.

10. ANNISA ( ENERGY) HEDDUU OF KEESSAA QABA.

Qabiyyeen bishaan zamzam keessa jiru kan bishaan biraa wajjiin walfakkaatu hedduu qabaatuus wantoota hedduu kan bishaan biraa keessa hin jirre of keessaa qabaachuu isaa qorannoon mirkanaa'ee.

Bishaan zamzam yeroo dhugan Humna addaa namaaf kenna.

11. BISHAAN ZAMZAM WANTOOTA DHUKKUBA DABARSAN HUNDA IRRAA QULQQULLUU DHA.

Bishaan zamzam Bishaan Waggoota kuma 4 dura Rabbiin ( SW) Hajariif Burqisiise bishaan Ni'imaa hedduun badhaafame waan taheef kan jarmii fi Baakteeriyaa adda- addaa irraa qulqqulluu tahe qorannoo Doktara bishaan kana irratti bara dheeraaf godhe Dr. Koshaakii fi Doktaroonni biraatiis mirkaneessan.

12. KEESSA QAAMA NAMAA QULQQULLEEYSA.

Bishaan zamzam Orgaanotaa fi Seelii keessa qaama namaatiif barbaachisan kan sirna dhiigaa, Sirna Soorama nyaataa keessatti gar malee barbaachisan qaamaaf dhiheessuun fayyaa qaamaa ijaara.qabiyyeen bishaan zamzam keessa jiru fayyaa qaamaatiif bu'aa guddaa arjooma.

13. BISHAAN ZAMZAM NYAATAA BAKKA BU'A.

akka qorannoon Dr. Muslimaa ABUU DAHR jedhamuun gaggeeffame agarsiisutti bishaan zamzam yeroo dhugamu dheebuu nama baasuu bira dabree akka laalaan beelaa nutti hin dhagahamne godha.Bishaan zamzam nyaata guutuu fayyaa namaaf kennu ja'a.

14. STAAMINAA ( QAAWA QILLEENSI QAAMA NAMAA SEENUUN) HEDDUMMEESSA.

Akka Athleetiin Maaraatoonii Su'udii ABUU JAHL ja'amu kan bishaan zamzam haalaan dhuguun beekkamu jedhutti bishaan Zamzam haalaan dhuguun humnaa fi hamilee namaaf kennuu bira dabree akka yeroo fiiganii fi Sochii qaamaa godhan hafuurri namatti hin cinne godha.

Kuniis Stamina heddummeeysuun akka tahe dubbate.

15. IJAARSA QAAMAA GUUTUU GODHA.

Qaamni namaa harki (72%) tahu bishaani. yeroo bishaan hedduu dhuuynu qaamni keenya akka hin goggoyne nu gargaara.

Kuniis akka qaamni keenya jiidha hin xuunne ykn Dehydrate godhu gargaara.

Qaamni keenya Dehydrate tahuun kun ammoo Miniraalonni qaama keenyaaf barbaachisan akka qaama keessatti hafu tumsa godha.

Haalli kun ammoo akka qaamni keenya raahaan itti dhagahamtu godhuun humna gahaa nuuf kenna, qaama keenyaas ijaara.

16. DHUKKUBA MATAA FAYYISA.

Yeroo mataan nama dhukkube Aspriin ykn taableeta fudhachuu Irra Bishaan Zamzam dhuguun Dawaa filmaata hin qabne godhuun bishaan zamzam dhuguun Dawaa Aadaa beekkamaa tahuun Arabootaa fi hawaasa Su'udii biratti Dawaa Aadaa beekkamaa tahuun filatamaa dha.

Dabalataaniis akka qaamni hamilee fayyaa argatu nama gidha.

17. FAYYAA LAFEE QAAMAA IJAARA.

Bishaan Zamzam qabiyyee Calcium hedduu waan if keeysaa qabuuf fayyaa qaamaa fi Jabeenya lafeetiif akkaan bu'aa guddaa buusa.

Bishaan Zamzam namoota Biiliyoonota tahaniin tahullee baatu Namoota miiliyoonota hedduu tahaniin dhugamee jira.

Qabiyyeen miniraalota Bishaan Zamzam keessa jiru bu'aa bishaan nuuf kennu dheebuu baasuu bira kutee Beela nama baasuu, dhukkuba akka Sukkaraa fi Rakkoo dhukkuba ijaatiin walqabatanii fi Laafina lafee Cimsuun fayyaa qaamaa akka ijaaru qorannoon mirkanaawee jira.

Rabbiin Ol tahe bishaanuma Uumaan bishaan biraa wajjiin walfakkaatu kana keessa Ni'imaa hangana hin ja'amne kaawuun Uumaa ilmaan namaa akkatti qananiise.

Guyyan kunis numa darba!!
27/12/2020

Guyyan kunis numa darba!!

Address

Reservoir, VIC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hawii Anoolee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share