24/05/2025
🄵🅄🄶🅄🄶 𝙟𝙚𝙘𝙝𝙪𝙣 𝙝𝙤𝙤 𝙢𝙖𝙖𝙡𝙞 𝙡𝙖𝙖𝙩𝙖?
"""""""""""""""""""""🌳🌳🌳"""""""""""""""""""""
Seenaa Fugug gabaabinaan.
Fugug jechuun Gaara walqabataa diriiree argamu yoo tahu, kan inni argamu jiddu gala biyya Afrikaatii kaasee hanga Gaafa Afrikkaa (Galaana Diimaatti) diriiree argama.
Fugug gulantaa lama qabaachuun beekkama.
1.Gooroo Fugug:- Gooroon Fugug tulluulee gubbaa Gaaroota walqabataa Fugug jennuun kana irratti Tulluulee Goorooleen xuxxuullooytee argamtuudha.
Tulluuleen fi Gaaronni bifa kanaan Caasaa Gaara Walqabataa Fugug jedhamu kana irratti argaman keessaa bebbeekamoo kan tahan
Tulluu Diimtuu,
Tulluu Cilaaloo,
Tulluu Asaboot,
Gaara Gondola (Jabal Xiixaa),
Gaara Obbii,
Gaara Mul'ataa,
Gaara Qunduddoo fi kkf dha.
2.Mooraa Fugug:- iddoo man qubsuma Ilmaan Oromoo bareentumaa keessattuu
Afran Qalloo ittiin beekkamudha. Ka'umsii fi eegallii Walqabatinsa Gaara Fugug immoo Mooraa
Fugugi.
Mooraan Fugug seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa tan
qabduu fi walakkaa gaara Mul'ataa ykn dabbaal jalatti tan
arkamuudha. Mooraan Fugug Oromoo biratti beekkamuu qofa
osoo hin taane seenaa capha Calii Calanqoo waliiniis wal qabatti. Mooraan Fugug teessuma Raabaa Doorii Afran Qalloo tan Gooroo gadii (Gooroo Afran Qalloo) qofa osoo hin tahiin dhaddacha Bakar Waaree kan 12'n Alaati. Mooraan Fugug Guutuu 4'n Qallootiif akka dhaddacha heeraatti fayyadaa turte.
Maddi kan dubbifnerraa!!
𝖙𝖍𝖆𝖓𝖐 𝖞𝖔𝖚