Gachana Waloo

Gachana Waloo Ethio tell

 Hojii Tajaajila Lammummaa Sirnoomsuudhaan Fayyadamummaa Hawaasaatiif Oolchuun Murteessaadha" _______Qaamaa fi yaadama a...
12/08/2026


Hojii Tajaajila Lammummaa Sirnoomsuudhaan Fayyadamummaa Hawaasaatiif Oolchuun Murteessaadha"
_______
Qaamaa fi yaadama alaa dhufuun osoo hin taane hooggansa ofiifi yaadama man-dhalee irraa madduun imala badhaadhina naannoo fi biyya keenyaa mirkaneessuf hojiin gama kenna tajaajila lammummaatin hojjatamaa jiru milkaahinoota hedduu argamsiisaa jira.

Tajaajilli lammummaa lammii jaalala biyyaa qabuu fi ilaalcha namoomaa gabbifate uumuudhaan imala ijaarsa biyyaa dhugoomsuu, humna qabeenyaa fi beekumsa gurmeessuudhaan misooma walootiif oolchuu kan dandeessisu, hojii eebbifamaa fi yaadama furmaata rakkoolee hundaa ta’edha.
Hojii Tajaajila Lammummaa Ganna kanaa Sababeeffachuun Sagantaan arjooma dhiigaa gaggeeffamaa Oleera.

  Tola Nama gargaare harka qabeenyaa caalaa ulfina qaba!Adoolessa 30 (KAMM)Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyu Muluqqee Bu...
07/08/2026

Tola Nama gargaare harka qabeenyaa caalaa ulfina qaba!

Adoolessa 30 (KAMM)

Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyu Muluqqee Bulchiinsa Ganda Aloolaa Mana Barumsa Aloolaa Sadarkaa 1ffaa keessatti Qindeessummaa I/A Mana barumsaatiin hojiin tola-ooltummaa baruufi barsiisuu gamtaa barattootaafi dargaggeessa University adda addaafi College gara gara irraa galaniin turbee kana hojjatamaa jiru hojiilee fakkeenyummaa qabuudha.

Hojiin Tola-ooltummaa gammachuufi quufa sammuuti.
Harki tola namaaf oole of bira dabree hawaasa ijaara.

Itiyoophiyaafi Ulaa Galaanaa…Seenaan Itiyoophiyaafi Galaanni Diimaa adda bahuu kan hin dandeenye seenaa dhimma jiraachuu...
25/06/2026

Itiyoophiyaafi Ulaa Galaanaa…

Seenaan Itiyoophiyaafi Galaanni Diimaa adda bahuu kan hin dandeenye seenaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.

Galaanni bara durii madda qaroominaafi badhaadhinaa ture kun har’as taanaan guddina diinagdee biyyattiifi dhiibbaa uumtummaa naannawaaf murteessaadha.

Akka seenaan ragaa bahutti nageenyiifi misoomni Itiyoophiyaa yeroo maraa nageenyaafi tasgabbii Galaana Diimaa waliin hidhata qaba.

Buufanni Asab waggoota hedduuf ulaa diinagdeefi tarsiimawaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajileera.

Bara mootummoota Hayilesillaasee fi Dargii buufata Asab irratti hojiin invastimantii guddaan hojjetameera.

Buufanni boba’aa dhimbiibu ijaarameera, daandiin konkolaataa fe’umsaa buufaticha irraa hanga Finfinneetti diriire ijaarameera, akkasumas humni galaanarraa cimaanii fi dhaabbileen dooniiwwanii hundeeffamaniiru.

Buufatichi ulaa seensaafi bahumsaa Itiyoophiyaa isa ijoo ture.

Haa ta’u malee taateen siyaasaa dhuma jaarraa 20ffaa irratti mudate Itiyoophiyaan buufata kana irraa dhiibuun guutummaatti biyya buufata hin qabne ishee taasiseera.

Adeemsi Itiyoophiyaan buufata Asab irraa akka dhiibamtu godhe kan eegale bara 1983 wayita humnoonni ADWUI fi ABUT Finfinnee Shaabiyaan ammoo Asmaraafi Asabiin to’atan ture.

Wayita sana waggoottan muraasa Eertiraan bilisummaa ishee ifatti labsachuun duraafi booda Asab Itiyoophiyaaf “buufata walabaa” ta’ee akka tajaajiluuf waliigalteen godhamee ture. Itiyoophiyaanis qaraxa malee buufaticha fayyadamaa turte.

Shirri dhokataan Itiyoophiyaa buufata irraa dhiibuu ulaa galaanaa dhabsiisuuf ta’us ajandaa biraan as bahe. Biyyoota lameen gidduutti daldala kontiroobaandii babal’isuu, maallaqa Eertiraa Naaqfaa beeksisuufi bittaafi gurgurtaan Doolaaraan moo Birriin haa ta’u dhimmoota jedhan irratti waldhabdeen uumamuun muddamicha hammeesse.

Muddamni dhokataan biyyoottan lameen gidduu ture Caamsaa 1990 gara waraana daangaatti jijjiirame.

Taateen kun boqonnaa dhumaa seenaa Itiyoophiyaa buufata Asab irraa dhiibuu katabe.

Akk

Waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Aanaa Mayyuu Muluuqeeti Yaa'ii Walii Galaa marsaa 3ffaa  jira. =================...
23/06/2026

Waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Aanaa Mayyuu Muluuqeeti Yaa'ii Walii Galaa marsaa 3ffaa jira.
==============================
Waxabajjii 16,2018-Godina Aanaa Mayyuu Muluuqeetti Waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Aanaa Mayyuu Yaa'iisaa walii galaa Marsaa 3ffaa jira.

Bulchaan Aanaa Mayyuu Obbo Juneeydi Shek Mahammad yaa'ichaa irratti Kaayyoon yaa'ii kanaas hojii buusaan gonofaa erga dambii ta'ee labsamee as jijjiirama inni fide madaalaa deemuu fi uummanni oromoo duudhasaa ganamaatti caalaatti deebi'aa akka jiru hubbachuun bu'aan argame kana immoo caalmaatti cimsuun hojjetamu akka qabu yaa'ii kanan ilaalamee jira.

Oromoon sirnasaa keessatti sirna Gadaan bulaa ture keessatti nama of harkaa dhabe hiyyeessa hin jedhu, nama harki itti qal'atee jechuun wayita rakkoo wal cina kan dhaabbatuu fi oromoon aadaa walgargaarsaa Buusaa Gonofaan walcina dhaabbata jedhan

Itti Gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofa Damee Aanaa Mayyuu Muluuqee Obbo Maruuf Mahamaad Gabaasa raawwii hojii walii galaa buusaa gonofa dhiyeesaniru.!

⚖Champion GodinichaaSadarkaa 3ffaa Gamaaggama  Raawwii Hojii bara 2018Godina Harargee  Bahaatti Waajjirri Abbaa Alangaa ...
23/06/2026

⚖Champion Godinichaa
Sadarkaa 3ffaa

Gamaaggama Raawwii Hojii bara 2018
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaan Mayyu Mulluqqee sadarkaa 3ffaa bahun injifannoo galmeesee jira!!!!

Qamoonni milkaa'ina kanaaf gahee leencaa baatan hundi keessan nuuf ulfaadhaa
Hawaasni Aanaan Mayyu Mulluqqe baga gammaddan Baga gammanne isiniin jenna.

Ifoomuu bu'aa Xumuraa Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa hordofee ergaa galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa!Kabajamtoota I...
21/06/2026

Ifoomuu bu'aa Xumuraa Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa hordofee ergaa galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa!

Kabajamtoota Itoophiyaanota, Kabajamtoota miseensota hawaasa siyaasaafi qooda fudhattoota filannoo;Har’a Itoophiyaanonni dimokiraasii qabatamaan kan itti agarsiisan, seenaa cululuqaa kan itti galmeessanii fi Afrikaan waa'ee ofii ofumaa murteessuu akka dandeessu hawaasa idil-addunyaatti ifaan kan itti mul'istee fi boqonnaa haaraan kan itti saaqame ta'uun ifoomera! Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa seena qabeessa kanaan, ummanni keenya Paartii Badhaadhinaa guddummaa Itoophiyaa dhugoomsuf kaleessa wal'aanaa egeree boru bu'uura cimaa irra dhaabuf hojjachaa jiruuf itti gaafatamummaa fi amanaa guddaa irra deebiin itti kenneera. Paartiin Badhaadhinaas amaanaa ummataa guddaa kana kan ofitti fudhate milkaahina isaatin osoo of hin dagatin, hanqinaalee jiran sirreessaa, ummata isaa qulqullummaan tajaajiluu fi waadaa isaa gocha qabatamaadhan dhugoomsuf hojjeta. Kabaja guddaa kanaa fi waliigaltee dimokiraasii ummanni Itoophiyaa nutti kenne qajeelummaa fi kabaja ol'aanadhaan fudhanna.

Ergaan galateeffannaa kun, lammiilee sagalee nuuf kennan qofaaf osoo hin taane; keessumaa, lammiilee filannoo barbaadan filachuun mirga isaaniitti fayyadaman, akkasumas kaardii filannoo isaaniitiin sagalee nuuf kennuu irraa of qusatan yoo ta’anillee adeemsichi seera qabeessaa fi nagaa akka ta’uuf gahee isaanii kanneen bahatan hunda hammata. Sababni isaas hirmaannaan lammiilee hundaa dimokiraasiin biyya keenyaa injifataa dhugaa akka ta'u taasiseera.

Adeemsa filannoo kana keessatti dhugaan bu’uuraa ifatti adda baafamuu qabu tokko ni jira፦ Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa argatee mootummaa ijaaruuf mirga argachuun isaa, mul’ata badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa mirkaneessuun imala milkaa’aa taasifachaa jiruuf akka carraa guddaatti kan fudhatamu yoo ta'u; filannoon kun guutumatti nagaa, bilisa, haqa qabeessaa fi amansiisaa ta’uun xummuramuun isaa injifannoo tarsiimoo biyya keenya jaallatam

Oromiyaatti Paartiin Badhaadhinaa Teessoo 523 argachuun sagalee caalmaan injifate'OBN Cyber Media' Waxabajjii 14,2018Fil...
21/06/2026

Oromiyaatti Paartiin Badhaadhinaa Teessoo 523 argachuun sagalee caalmaan injifate

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 14,2018

Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa baranaatiin Paartiin Badhaadhinaa Teessoo Caffee Oromiyaa 523 argachuun olaantummaan injifate.

Caffee Oromiyaatti teessoo waliigalaa 528 keessaa Paartiin badhaadhinaa teessoo 523 injifachuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa ibse.

Teessoowwan hafan Kaadhimamtoota dhuunfaa 3 dabalatee Paartiin Izeemaa teessoo 1 argachuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa ibse.

Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa invasteroota biyyoota garaagaraa hawwachaa jira==Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa dinagdeen aan...
21/06/2026

Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa invasteroota biyyoota garaagaraa hawwachaa jira
==

Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa dinagdeen aangessuuf akeekamee kan hundaa'e yoo ta'u yeroo ammaa hojiiwwan investimentii addaa addaa hojjechuu jalqabeera.

Hojiiwwan investimentii hojii eegalanis Damee
Daldalaafi Loojistiksii, Qonna(Agroo/food processing),Manufaakchariingii, Albuuda,Tajaajilaafi kanneen biroodha.

Hojiiwwan kanneenirrattis duureyyii Itoophiyaa dabalatee Investaroota biyyoota Chaayinaa, USA, UAE, Hoolaandi, Itiliifi kanneen biroo bobba'aniiru.

Guyyaa har'aas ,Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa dabalatee Komiishinarri Komiishinii Investimentii Itoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (PhD), Bulchaa Baankii Biyyoolessaa Iyoob Takkaallinyi(PhD)fi aanga'oonni biroo Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Oromoo kana daawwachaa jiru.

Pirojektiin Jallisii Hidha Finnaa Mayyuu mulluqee birrii mil.190 oliin hojjame Eebbifame.(WKGHB,Caamsaa,15/2018)Godina H...
23/05/2026

Pirojektiin Jallisii Hidha Finnaa Mayyuu mulluqee birrii mil.190 oliin hojjame Eebbifame.
(WKGHB,Caamsaa,15/2018)
Godina Harargee Bahaa Aana Gammoojjii Mayyuu mulluqqeetti Pirojektiin Jallisii Hidha Finnaa Ganda Ifabaasitti Hojjatame Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Kiflee Taddalaa fi Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Harargee bahaa Obbo Habtaamuu Tasfaayeen Eebbifameera.

pirojektiin Jallisii Finnaa kun Baajata Mootummaa birrii mil.190 fi kuma 95 fi 982 .1 n kan hojjatame yoo ta'u ,bishaan meetir kuubii mil.1.15 qabachuu danda'a ,Lafa Hektaara 77.3 misoomsuu kan danda'uu fi Abbaa warraa 340 tajaajila kennuu kan danda'uudha.
Waadaan Ummataa gochaan dhugoome!

Address

Finfinee
Addis Ababa

Opening Hours

Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gachana Waloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share