23/03/2025
🌲 🎄 Tulluu Ejersaa🎄🌳🌲
✍Torban shanaffaan Sooma guddichaa kuni ammo (Debre Zeit) jedhama. Torban kun tulluu ejersaa kan jedhameefis, gooftaan keenya gara tulluu mukti ejersaa itti baay’atuutti ol bahee waan barsiisefi. Akkuma yeroo darbe ilaalletii moggaasniiwan kun kan kennamaniif Qulqulluu Yaareedin. Sanbatni kunis kan ittiin yaadatamu gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos waa’ee dhufaatii Isaa, mallattoowwan yemmuu inni dhufu tahuuf jiran, keesumattuu shakkitoonni hedduun maqaa Isaatiin akka dhufan,’ yaa gooftaa, yaa gooftaa, jechuudhan akka namoota heddu dogongorsan, duuka bu’oota isaa kan baldhinaan itti barsiise dha.
✅Gooftaa fi fayyisaan keenya bara lafa kanarra deddeebi’aa turetti, guyyaa guyyaa waldaatti barsiisaa oola, halkan halkan ammo gaara ejersaa kanarra bulaa akka ture wangeelli dhugaa baha.(Luq.21: 37) Gooftaan yemmuu barsiisu, waan yeroo inni dhufu tahuuf jiran mallattoo kaa’ee jira, Raajni Waaqayyoo Qulqulluu Daawitis waa’ee guyyaa kanaa yookaan waa’ee dhufaatii gooftaa “Waaqayyo keenya ni dhufa,callumas hin jedhu;ibiddi xaph godhu fuula isaa dura, bubbeen human qabeessis naannoo isaa jira.”Faarf 49(50):3 jechuun faarfateera.
👉Wangeelli guyyaa kanaa dubifamuu / lalabamuu/moo ,Wangeela qulqulluu Matewos 24:1- hangaa dhumaatti kan jirudha.
✍Akkumaa wangeelaa irratti barreeffameettis duuka bu’oonni Gooftaan keenyaa Iyyasuus kitistoos mana qulqullummaa keessa ba’ee otoo adeemaa jiruu mana Zarubabel ijaarisisee ture isatti argisiisuudhaaf dhufan. Inni garuu deebisee, kana hundumaa in argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in digaama malee’’ isaaniin jedhe. Kana ega isaanitti himee booda Iyyasus kiristoosi tulluu ejersaa gubbaa taa’ee osoo jiruu duukaa bu’onii isaa gara isaa dhufanii kophaatti “Nutti himi , kun yoom ta’a? Milikkinnii dhufaa keeti kan dhuma barichaas maali ?’’ jedhanii gafatanii .
Innis wanta ta’uuf jiru haala armaan gaditiin tokko tokkkon itti hime.
1⃣Homtuu akka isin hin dogogorisifnee eggadhaa, baay’een, Ani Masidha jechaa maqaa kotiin ni dhufu, namoota baay’ees ni dogongorsiisu. (Mat 24:4-5)
2⃣Waraana fi oduu waranaa ni dhageesuu akka hin naanee ilaalladha. kan akkasin kunii ta’un dirqamaa, garuu dhuma isaa miti(Mat 24:6).
3⃣ Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka’a.(Ma 24:7)
4⃣Beellis sochii lafaas iddoo adda addatti ni ta’a. Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuuti.(Mat 24:8)
5⃣Yommus rakkinatti dabarsanii isin ni kennu; isin ni ajjeesu, anaaf jettanii saba hunduma biratti kan jibbamtan ni taatu.(Mat 24:9).
6⃣Yeroo sanatti namoonni baay’een ni gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennuu wal ni jibbu. raajonni sobduun baay’een in ka’u; namoota baay’ees in wallaalchisu.(Mat 24:10-11)
7⃣Seera malee jiraachuun waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa ni adeema. Namni hamma dhumatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
8⃣Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti ni lallabama kana boodees dhumni ni dhufa’ jedhen (Ma 24:12-14)
✅Waluma galatti gooftaan keenyaa tulluu Ejersaarratti mallattoo bara dhuma mala akka ta'eefi lammaffaa deebi'ee akka dhufu duuka bu'oota isaaf ibse jira. Gooftaan keenyaa gaa barnoota isaa kana irratti hangaa dhumaatti jabanne dhabbachuu akka qabnu; Eenyu nu dogoggorsuuf yoo dhufee dogoggoruu akka hin qabneefi qophaa'oo tanee jiraachuu akka qabnu ibse jira. "Anoo dafeen dhufa akka hojii keessanitti isiniif nan kenna" jechuun akkuma dubbatee dhufaatiin isaa inni lammaffaa akka isa duraa gad of qabummaan osoo hin ta'iin humna fi annisadhaan; fannifamuuf osoo hin ta'in, murteessudhaaf akka ta'ee hubannee qophaa'utu nurra eegama. Guyyuma kana " .....Yommus mallattoon ilma namaa waaqa keessatti in mul'ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo'uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru." (Maat 24: 30) jechuun dubbateera.
kanaaf yaa saba waaqayyo murtoo jala ba'uuf haa qophoofnu!