06/09/2026
?
✍️Jiraachuu jettee sobda.
✍️Nyaachuuf jettee hatta.
✍️Gammachuuf jettee ejjita.
✍️Soorumuuf jettee dhagaa ati hin galagalchine jiru.
✍️Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta.
✍️Beekumsan argadha jettee nii baratta.
✍️Mucaan godhadha jettee fuuta naaf hin taane jette jiikta.
✍️Miilaan hin deemu jettee konkolaataa bitta.
✍️Haadha manaa osoo qabduu kan namaa hawwita.
✍️Mucaa tokkoon yoo godhatte isa 2ffaa yaadda.
✍️Diploomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta.
✍️Maastarsii yoo qabaatte PhD yaadda.
✍️Mana tokkoon yoo qabaatte isa 2ffaf dhiphatta.
✍️Konkolaataa tokkoon osoo qabduu kan biraa yaadda.
✍️Baadiyyaa yoo jiraatte magaala naannoo kee galuu hawwita.
✍️Magaala naannoo yoo galtee finfinnee galuu hawwita.
✍️ Finfinnee yoo galtemmoo Awurooppaa, America hawwita.
✍️ America yoo galtemmoo planety biraa arguuf wareegamta.
✍️Aangoo xiqqaa yoo qabaatte guddaatti darbuuf dhiphatta.
✍️Bulchaa aanaa yoo taate Bulchaa godina ta'uuf dhiphatta.
✍️Bulchaa godina yoo taate perezdanti ta'uuf yaadda.
✍️ Perezdanti yoo taate ministeera muummee ta'uuf yaadda.
Obboleessaa koo Oboleettii koo
Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
Yooman du'aa jettee of gaafate beektaa?
Of yaadadhu waan gaarii dalagi uumaa kee hin mufachiisin💯