31/05/2019
As wr wb obboleeyyan kiyya Yaadachiisa gabaabaa tokkon lubbuu tiyyaa
fi isniifis qabaatii oobsaan naaf dubbisaa ... Halkan Arraa halkan 27ti
jechuun halkan leylatul qadriin akkaan keessa shakkamu ! Tanaafuu
halkan kana 1. Salaata Ishaa'ii fi subhii jama'aadhaan masjiidatti haa
salaannu 2. Salaata taraawiihaa imaamaa wajjiin eegallee wajjiin haa
fixannu (yoo dandeenye salaata tahajjudaatis itti haa ida'annu) 3. Qarshii
10 ... Riyaala 2 ... Dollar 1 miskiinaaf yokaanuu masjiida ollaa keenya
jiruuf haa Arjoomnuu 4. Haajaa teenya tan duniyaa fi tan aakhiraa cufa
Jabaannee ija imimmaaniitiin Rabbitti haa himannu! 5. Muslima lubbuun
jiruu fi kan Du'e cufaafuu Du'aaii haa goonu! 6. Yoo xiqqaate Qur'aana
juuza tokko qaamaa fi qalbiin haa qaraanu! 7. Yoo xiqqaate obboleeyyan
keenya nama 5 kan jaalannu akka isaan halkan kanarraa fayyadaman
message ergineefii haa yaadachiifnu . Wantoota kanneen yoo Daleyne
keyrii fi barakaa halkan kun qabu ni Arganna je'eetin yaada in shaa
Allaah. Dhumarratti Wanni si dhaammadhu Hadaraa Halkan kabajamaa
kana keessa Du'aaii teetiin na yaadadhu Anis sin yaadadha in shaa
Allaah! Dhaamsi kun nama fayyada jettee yoo yaadde obboleeyyan keetiif
SHARE godhii biraan gahi jazaakallaah. ..