17/04/2026
Maayikeel Kaariik leenjisaa dhaabbataa Maanchistar Yunaayitid yoo ta'e Roogers fudhachuuf kan jiru yoo ta'u, Kaarik yeroo Miidilsbiroo ture irraa kaasee Roodjarsiin akka gaariitti akka beeku fi haala taphaa isaa kanaaf Taphataa gaarii ta'a jedhee akka amanu kilabichaaf ifa godheera.
Yaadni Jaason Wiilkoksiif dhiyaate kun fedhii Yunaayitid ta'era, sababiin isaas filannoo jifattoota isaanii cimsuuf waan ilaalaa jiraniif Rodgers akka taphataa ijotti ilaalaa jiru.. Roodjarsiif jijjiirraan taasifamu kamiyyuu gatii salphaa ta'uu baatus Yunaayitid taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa qaba. Aston Viilaan gatii Roodjarsiif £m100 barbaada.
Maddi[] Obsa Abdalla