11/07/2026
Dogongoroota Sunnaa Faallessan Kanneen Guyyaa Jum'aa Rawwataman
1. Fuulaan Imaama khuxbaa godhutti gargaluu dhabuu!!
2. Amrii khuxbaa yeroon dhufanii dhageeffachuu laaffisuu!!
Gariin walakkaa khuxbaatti dhufa, Gariin inumaa walakkaa salaataatti dhufa !!
3. Dhiqachuu Urgeeffachu Dibachuu Ilkaan rigachuu fii Uffata bareedaa uffachuu dhiisuu!!
4. Bittaa fi Gurgurtaa Azaana lammaffaa booda Raawwachuu!!
5. Dubartootni uffata akkaan bareeduuf waan urgaawaa ofitti naqanii bayuu.
6. Osoo Saffaawwan duraa hin guuttamin saffaawwan boodaa irra taa'uu!!
7. Osoo masjiidni hin guuttamin ala masjidaa [barandaa] jala taa'uu!
8. Haasawaa fi Qiraatiidhaan sagalee ol-kaasanii nama salaatuu fi qara'u shaagaluu !!
9. Khuxbaa irraa shaagalamuu fi Khaxiibaa caqasuu dhabuu !!
10. Erga Imaamni salaama baafate kallattiin namarra tarkaanfataa iddoo itti salaatan irraa bahuu !!
11. Osoo Zikriiwwan salaata boodaa hin jedhin bahuu !!
Kanaa fi kanneen kana fakkaatan hedduutu jiru !!!
SHARE Godhuu Hin Dagatin.
Namni kheeyrii takkarratti Nama qajeelche Akkuma waan ofii dalagateeti Jedhan Ergamaan Rabbii ﷺ
Abu Huzeyiifa Follow Godhaa Barnoota Asirraa Argattan Itti Fayyadamaa Galatoomaa!