Magaalaa Najjoo

Magaalaa Najjoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Magaalaa Najjoo, Shopping & retail, Nadjo, Oromia, Nejo.

"Dhaabuudhaan Bayyaannachuu"Waxabajji:24/2017 Kominikeeshinii Magaalaa Najjoo.Magaalaa Najjootti Mata-duree"dhaabuudhaan...
02/07/2025

"Dhaabuudhaan Bayyaannachuu"
Waxabajji:24/2017 Kominikeeshinii Magaalaa Najjoo.

Magaalaa Najjootti Mata-duree"dhaabuudhaan Bayyaannachuu"jedhuun jalqabsiisni Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Bakka Kantiibaa Magaalaa Najjoo Obbo Galiilaa Darsoo,Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Najjoo fi hoggansi Ol'aanoo Magaalichaa argamanitti eegalamee jira.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dachee magariisaa fi qilleensa madaala eege dhaloota dhaalchisuudhaan rakkoo faalama qilleensaa dhibee addunyaa ta’e furuu keessatti shoora ol’aanaa ta’e qaba.

Duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa biyya keenyatti gaggeeffamaa jiruun marsaawwan darbarsineen biqiltuuwwan gosa garaa garaa hedduun kan dhaabbatan yemmuu ta’u, hirmaannaa hunda galeessa lammiileen biyyattii sadarkaa hundatti agarsiisasiin jijjiiramootni gurguddoo ta’an argamanii jiru.

Bu'uuruma Kanaan Magaalaa Najjoottis Bara kana dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaatiif qophii taasifamaa tureen Biqiltuuwwan Nyaataaf oolan(Muduraalee) adda addaa fi biqiltuuwwan Bosonaa,akkasumas biqiltuuwwan miidhaginaaf oolan qophaa'uudhaaf guyyaa har'aa Sadarkaa Magaalaa Najjootti Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa saaqamee jira.

Magaalichatti bara kana biqiltootni dhaabbiif qophaa'an biqiltuu kuma dhibba ja'aa fi kuma sagaltamii lamaa fi dhibba shanii fi kudhan dhaabamuuf kan qophaa'an ta'uu Waajjirri qonnaa Magaalaa Najjoo beeksiseera.

Biqiltuuwwan Magaalichatti Dhaabbiif qophaa'an 692,510 keessaa Biqiltuun Bosonaaf oolu 329,000, Biqiltuun Miidhaginaaf oolu 135,270 fi Biqiltuun Muduraa 228,240 Lafa hektaara 57 irratti dhaabamuuf Qophaa'e ta'uus Waajjirri Qonna Magaalichaa ibseera.

Magaalaa Najjootti Innisheetivoota qonnaa garaagaraa hojiirra oolchuun, fayyadamummaa  hawaasa Magaalichaa mirkaneessuuf...
02/07/2025

Magaalaa Najjootti Innisheetivoota qonnaa garaagaraa hojiirra oolchuun, fayyadamummaa hawaasa Magaalichaa mirkaneessuuf Xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Waltajjii 25/2017 Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Najjoo.

Kolleejjiin Poolii Teeknika Qonnaa Najjoo hojii ogummaa garaagaraan Barattoota Leenjisuun cinatti Ogummawwan Leenjisuun, caalmaatti gochaan gahoomsuun leenji'anii yeroo bahanitti eeggattummaa jalaa bahuun of danda'anii carraa hojii uummachuu akka danda'aniif Oomishaalee qonnaa garaagaraa irratti hirmaachisuun dabalataan rakkoo qaala’insa jireenyaa yeroo ammaa hawaasa qoraa jiru tasgabbeessuuf irratti hojjechaa jira.

Haaluma kanaan Innisheetivoota qonnaa keessaa tokko kan ta'e Qurxummii horsiisuun Kayyoo nyaata madaala'aa milkeessuuf Bakki Buufata Horsiisa Qurxummii qarshii 405700 oliin hojjechiisuun hoji dhabdootaafis carraan hojii akka uumamu gochuun galii Kolleejjichaas guddisuuf guyyaa har'aa Qurxummii galcheera.

Bifuma wal fakkaatuun Oomisha Qurxummii baballisuun hawaasni magaalichaa fakkeenyummaan akka hojjetuuf iddoo garaagaraatis bakki Buufata Horsiisa Qurxummii ijaaramuun Qurxummii galchuun itti fufee jira.

Inisheetiivoota Barnootaa keessaa tokko kan ta'e Lafa Mana jireenyaa Barsiisotaaf Kennuun hojii Baruu fi barsiisuu qulqu...
02/07/2025

Inisheetiivoota Barnootaa keessaa tokko kan ta'e Lafa Mana jireenyaa Barsiisotaaf Kennuun hojii Baruu fi barsiisuu qulqullinaan milkeessuu keessatti qooda Ol'aanaa qaba.

Waxabajji 25/2017 Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Najjoo.

"Gaaffiin Lafa Mana jireenyaa yeroo dheeraaf gaafachaa turree nuuf furamuutti Gammanneera" jedhan Barsiisonni Magaalaa Najjoo Waldaan gurmaa'uun, Lafti Mana Jireenyaa guyyaa har'aa kennameef.

Magaalaa Najjootti Gaaffii Lafa Mana Jireenyaa Barsiisota yeroo dheeraaf ture furuuf Waldaa Lafa Mana jireenyaa Barsiisota 6, Miseensota 100f Lafti Mana Jireenyaa bakka Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Najjoo Obbo Galiilaa Darsoo dabalatee Koreen Qindeessituu Magaalichaa,Hoggantoonni, Miseensonni Waldoolee fi qooda fudhattoonni argamanitti kennameera.

Haaluma kanaan Kantiibaan Magaalaa Najjoo Obbo Galiilaa Darsoo fi Hoggantoonni dhimmichi ilaallatu bakka sanatti argamaan wal duraa duubaan akka jedhanitti "akka Magaalaa Keenyaatti Gaaffii fi fedhiin Lafa Mana jireenyaan jiru Barsiisota qofa osoo hin taanee qaamolee hawaasaa hunda bira jira.kanaaf Gaaffii kana irraa jalaan furuuf Beenyaa barbaachisu kaffaluun hojimaata barbaachisu keessa dabarsinee guyyaa har'aa Barsiisota 100f lafa Mana jireenyaa laachuu dandeenyeera"kanaaf baga Gammaddan jechuun gammachuun keessan keenya jechuun gammachuu itti dhagahamu ibsaniiru.

Barsiisonni guyyaa har'aa lafti Mana jireenyaa kennameefis Lafa Mana jireenyaa kana bu'aa ba'ii fi obsa dheeraan kan argatan ta'uu himuun "lafa arganne kana wal bira dhaabbanne wal jajjabeessuun utuu faayidaa biraaf hin olchin Mana jireenya ijaarrannee jiruu fi jireenya maatii keenyaa keessatti geggeeffamaa dirqama ogummaa barsiisummaa keenya bahachuun nurraa eegama" jechuun gammachuu itti dhagahame ibsuunis,qooda fudhattoota hunda galateeffataniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Najjootti Sagantaan sosochii fi leenjiin Sirna Buusaa Gonofaa irratti caasaa Magaalaa Hanga Gandoota...
30/06/2025

Bulchiinsa Magaalaa Najjootti Sagantaan sosochii fi leenjiin Sirna Buusaa Gonofaa irratti caasaa Magaalaa Hanga Gandoota Magaalaa sadarkaan jiraniif Hubannoon Kennamee jira.
Sirna Buusaa Gonofaa lafa qabsiisuuf lammiin hundi tumsa gochuu qaba!
Kaayyoon Buusaa Gonofaa dhaabbateef aadaa fi duudhaan walgargaarsa uummata Oromoo akka dagaagu gochuu,dhaloota kennaa aadeefatee,jaalala hojii,aadaa qusannaa fi quuqama namoomaa qabu uumuu fi qabeenya,beekumsaa fi dandeettii hawaasa qindeessuudhaan hawaasa balaa uumamaa ykn nam-tolcheen akka hin saaxilamne ittisuu,yeroo balaan muudatu immoo deeggaruu,baraaruu,dandamachiisuu fi deebisanii dhaabuudha.

Magaalaa Najjootti Pirojektiin hirmaannaa  hawaasaan Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Najjoo Jalqabamee baatii 5 hin caalle g...
30/06/2025

Magaalaa Najjootti Pirojektiin hirmaannaa hawaasaan Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Najjoo Jalqabamee baatii 5 hin caalle gidduutti xumuramee,eebbaaf qaqqabee jira.

Ejjennoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kan hin xumurre Dhagaa bu'uura hin keenyuu,kan jalqabne Miira xiiqiin yeroo gabaabaa keessatti ni xumurra jedhu hordofuun, Dhalattoonni Najjoo fi Naannoo ishee biyya keessaa fi ala jiraatan akkasumaas hawaasni Magaalaa Najjoo gochaan agarsiisaniiru.

Haaluma kanaan, Manni Barumsaa madda Hayyoota fi beektotaa hedduu ta'e Manni barumsaa Sadarkaa 2ffaa Najjoo Hirmaannaa dhaloota Najjoo fi Naannoo ishee biyyaa keessaa fi ala jiraatani fi hawaasa Magaalaa Najjoon Manni Bilookiin dabalataa 5 Daree Barnootaa 20,Gamoo Bulchiinsaa 1,Mana Fincaanii dhiirotaa fi shamarranii 2 kutaa 16 qabu,Daandii keessaa keessoo akkasumas iddoo dhaabbii biqilaaf kan oolu bifa ammayya'aa ta'een, qarshii Mil.58 oliin ijaarsi jalqabamee baatii 5 hin caalle gidduutti eebbifamuuf haaldureen xumureera.

Buusaa Gonofaan Riqicha Imala Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuudha.Buusaa Gonofaan Duudhaa Sirna Gadaa...
30/06/2025

Buusaa Gonofaan Riqicha Imala Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuudha.Buusaa Gonofaan Duudhaa Sirna Gadaati!
Waxabajji:23/2017 Kominikeeshinii Magaalaa Najjoo.

Magaalaa Najjootti Sagantaan Sosochii fi Leenjii Sirna Buusaa Gonofaa Bakka Koreen Qindeessituu Magaalichaa,Hoggantootni Sekteraalee Mootummaa ,Abbootii Amantaa,Waldaa Barsiisotaa ,Qindeessitootni Manneen Barnootaa fi Manaajimentiin Mana hojii argamanitti geggeeffameera.

Buusaa Gonofaan balaawwan umamaa fi nam-tolchee muudatu humna ofiin dandamachuuf hojiiwwan dandeessisan hojjechuuf hundaa'e. Ummatni Oromoos duudhaa isaa ganamaatti deebi'uun yeroo rakkoon muudatu akka wal bira dhaabachuu danda`uuf bu'uura ta'ee jira.

Bu'uuruma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Najjootti Sagantaa Sosochii Buusaa Gonofaa ''Deeggarsa Namoomaa Humna Ofiitiin Kabajaa fi Birmadummaa Biyyaa Hunda Galeessaaf!" jedhuun bakka Hoggantoonni Magaalichaa Sadarkaa adda addaa irra jiran argamanitti geggeeffamee jira.

Sagantaa Sosochii fi Leenjii Sirna Buusaa Gonofaa Mata-duree"Deggersa Namoomaa Humna Ofiitiin ;Kabajaa fi Birmadummaa Biyyaa Hunda-galeessaaf!"jedhu Karaa Itti Gaafatamaa Waajjira Buusaa Gonofaa Damee Magaalaa Najjoo Obbo Ballinaa Eebbisaatiin dhiyaachuun hirmaattota waliin Maree bal'aan geggeeffameera.

Hirmaattonnis yaada Laataniin,sirni buusaa gonofaa sirna oromoon ganamaa kaasee ittiin wal utubaa ture sirna Gadaa ta'uu hubannee waan jirruuf yeroo balaan uumamaa fi nam-tolchee mudatu kan ittiin wal tumsanii fi wal cina dhaabbatan ta'uu himuun,qaamni hunduu miseensa ta'uun murteessaa ta'uu dubbatan.

Itti dabaluun biyyi keenya deggersa alaa irraa bilisa ta'uun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce'uun biyyattiin kuufamaa qabdutti fayyadamuun sirna buusaa gonofaa hundeeffamee jiru kana Sadarkaa hundatti karaa qindoomina qabuun ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.

Itti Gaafatamaa Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Najjoo Kan ta'an Obbo Roomaanoo Mardaasaa Sagantaa Sosochii fi Le

jechoota namatti tolan kana me ilaalatti yaada ykn like godha me
28/06/2025

jechoota namatti tolan kana me ilaalatti yaada ykn like godha me

warqeen najjoo kana fakkatti😲✅
28/06/2025

warqeen najjoo kana fakkatti😲✅

10/11/2024
NEDJO
14/10/2024

NEDJO

Address

Nadjo, Oromia
Nejo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Magaalaa Najjoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share