Art.Habiib Waayyuu

Itinéraire

Art.Habiib Waayyuu Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Art.Habiib Waayyuu, Shopping et vente au détail, Paris, Île-de-France, Paris.

Happy Newyear2024. Best Wishes for all of you.keep Smiling😊
01/01/2024

Happy Newyear2024.
Best Wishes for all of you.
keep Smiling😊

Umurii waggaa 17tti kolleejjii irraa fudhatama dhabde.Umurii waggaa 25tti haati ishee dhukkubaan duute.Umurii waggaa 26t...
08/12/2023

Umurii waggaa 17tti kolleejjii irraa fudhatama dhabde.

Umurii waggaa 25tti haati ishee dhukkubaan duute.

Umurii waggaa 26tti Ingiliffa barsiisuuf gara Poorchugaal deemte.

Umurii waggaa 27tti heerumte.

Abbaan manaa ishee ishee miidhe. Kun ta'ee osoo jiruu intalli ishee dhalatte.

Umurii waggaa 28tti wal hiiktee dhiphina sammuu cimaa akka qabdu hubatameera.

Umurii waggaa 29tti haadha kophaa ishee walgargaarsa fayyaatiin jiraattu turte.

Umurii waggaa 30tti lafa kanarra jiraachuu hin barbaanne.
Garuu, fedhii ishee hunda waan tokko nama kamiyyuu caalaa hojjechuu dandeessu hojjechuuf qajeelchite.
Sunis barreeffama ture.

Umurii waggaa 31tti dhumarratti kitaaba ishee jalqabaa maxxansite.

Umurii waggaa 35tti kitaabota 4 kan baafte yoo ta'u, Barreessitu Waggaa jedhamuun badhaafamte.

Umurii waggaa 42tti kitaabni ishee haaraan, guyyaa jalqabaa gadhiifameetti, kooppiiwwan miliyoona 11 gurgurte.

Dubartiin kun J.K. Rowling jedhamuun beekama. Umurii ishee waggaa 30tti akkamitti of ajjeesuu akka ilaaltu ni yaadattu?

Har'a Haarii Pootar maqaa addunyaa kan doolaara biiliyoona 15 ol gatii qabudha.

Gonkumaa abdii hin kutatin. Ofitti amani. Quuqama qabaadhu. Cimtee hojjedhu. Gonkumaa yeroon hin darbu.

Isheen J.K. Rowling jedhamti

22/11/2023

Gadda Guddaa dha!

Deemsi araaraa fashaluu isaa dhageenye. Baayyee nama gaddisiisa. Sabi ganna shan guutuu gadadoo hamaa keessa ture. Guyyuu ajjeefama. Guyyuu hidhamee dhaanama. Guyyuu qabamee saamama. Booyichii fi iyyi isaa hin dhagayamu. Buqqaatiin, ergaramnii fi madaan isaa hin muldhatu! Mariin Dareesalaamitti gegeeffamaa ture waan duraan bade deebisuu baatullee badii biraa ittisuuf furmaata guddaa ture. Fashaluun isaa sabaaf gadda guddaa dha. Gadadoon keessa turame itti haa fufu jechuu dha!

Amma sabi waa wal-gaafatuu qaba. Mariin abdiin eegamaa ture maaliif fashale? Kana irraa fayyadamaan eenyu? Duraan hoo maaltu obboleeyyan waliin qabsootee mooyatte addaan qoodee wal-nyaachise? Maaltu saba afaan tokko ture afaan-afaan taasise? Maaltu tokkummaa keenya laaffise? Maaltu obboleeyyan ollaatiin wal nu dhabsiise?

Shirri jiraatuu shakkii hin qabu. Garuu abbaan shira kanaa eenyu? Amma waan ifa gale fakkaata. Wayita mariin deemaa turetti dibbee waraanaa tumuun tolaaf hin turre. Waraana ganna shan guutuu hin dhumin gaafa mariin eegalu fixuuf dhaadatuun fayyummaa hin turre. Maricha fashalsuu fi gadadoo sabaa dheeressuun dura murtaayuu yoo san agarre. Gadadoon haadha Hayyeessaa guddoo nama dhukkuba.

Mariin fashale jechaan salphaa fakkaata. Ammoo dubbii laayyoo miti. Warra hiree sabaa nyaatuuf cidha. Warra sabaaf dhukkubsatuuf garuu gadda hadhaayadha! Amma dubbii ilaallatuun gahuu hin oolu! Maaliif gatii baafnee qabsoofne sila? Eessaa kaanee eessa geenye?

17/10/2023
17/10/2023

Baadiyyaa Arsii dawadhaa

14/10/2023

Abiyyii Isra'ilifii Filisxiin maal jedhaa?

12/10/2023

Kufanii ka'uun ulaagaa jireenyaati!
Kufanii of dagachuun dadhabina abbaati!
Du'anii hafu malee kufanii hin hafan!!

irreessi  humneessaa siyaasa Oromiiti
08/10/2023

irreessi humneessaa siyaasa Oromiiti

Adresse

Paris, Île-de-France
Paris
75001

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Art.Habiib Waayyuu publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Raccourcis

Sponsorisé

Partager