Anas Abdo

Anas Abdo as wb akkam

04/05/2026
08/10/2020

Osoon dhufee keessan hii jedhee namni naaf deebisu jiraa dhalaa qofaaf

08/10/2020

Rabbiin rakkoo duuniyaaf Aakiraa jalaa nu ha baasu

08/10/2020

Harri fulbaana 28 natti fakkaata

Seenaa Goota Jeneraal Taaddassa Birruu keessaa muraasa ----Jeneraal Taaddassa Birruu Abbaa isaa obbo Birruu Kenneefi haa...
17/09/2020

Seenaa Goota Jeneraal Taaddassa Birruu keessaa muraasa
----
Jeneraal Taaddassa Birruu Abbaa isaa obbo Birruu Kenneefi haadha isaa Adde Boontuu Waaqjiraa irra bara 1914 A.L.I Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee ganda sirree morosee gooxii muuxee jedhamu keessatti dhalate.
Abbaan isaa obbo Birruu Kenne qotee bulaa hojii qonnaatiin maatii isaanii jiraachisan yoo ta’an ,bara 1928 A.L.I yeroo mootummaa Xaaliyaanii (Italy) biyya keenya weerartitti bittaa gabrummaa mormudhaan human waraana Itoophiyaatti makamaan. Obbo Birruun waraana biyya keessatti taasfamaa ture irratti dirqama lammummaa isaanii baha jiran lubbuun isaanii wareegamaan dabarsanii kennuun jaalala biyyaaf qaban agarsisa.
Addee Boontuu Waaqjiraa du’aa abbaa mana ishee Obbo Birruu Kenneetti baayyee kan gdite gadda ishee otoo hin xumuriin ji’a sadii booda du’aan adduunyaa kana irra boqotte.yeroo kana J/Taaddasaa Birruu Ijoollee waggaa 14 hin caalle ture. Du’aa abbaa isaa ,du’aa hadha isaafi weerarumuu biyya isaatiin baayyee kan gadde J/Taaddasaa Birruu umurii isaa kanaan waan tokko murteesse.Gareen obboleessa abbaa isaa obbo Beekaa Kenneetiin hoogganamu holqa fincaa’aa ganda sirree moroseetti argamuu dahoo godhachuun waraana Xaaliyaanii lolaa akka jiran beekuuf biyya isaa weerartoota faashistiitiin qabamte bilisa baasuuf hiriyoota fi jiraatoota naannoo sanaa murasa waliin ta’uun garee kanaatti dabalamee qabsoo jalqaba taasise.yeroo kana mootummaan xaaliyaanii meeshaalee waraanaa ammayyaatiin kan of ijaaree fi loltoota hedduu akka qabu uummanni naannoo sanii waanbeekuuf,sababa isaaniitiin ijoollee isaanii fi isaan irra miidhaan akka hin geenye waan sodaataniif gareen J/Taaddasaa fa’aa akka harka kennatan barbaadan.Jeneraal Taaddasaa garuu gaaffii kanaaf deebiin isaa’’tole’kan jedhu hin ture. Meeshaalee abbootiin isaa warra adii irraa booij’anii fi namoota muraasa qabaan lakkaawwaman kan haammate gareen J/Taaddasaa birruu lola ho’aa guyyaa tokkoo guutuu lolamaa tureen dirqama bahuu qaban osoo bahatii jiran,loltoota xaaliyaanii keessatti kufe.kana booda loltootni xaaliyaanii J/Taaddasaa qabudhaan,Magaala fiicheetti,ittiaansee Finfinneetti,sana booda loltota booji’aman kan biroo itti dabaluun gara magaala guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti akka hidhaman taasisan.
Mana hidhaa kana keessa osoo jiruu J/Taaddasaa birruutti hidhaan umurii guutuu itti murta’e.yeroo kana hojiin Taaddasaa gaarii harkisuu,dhagaa falaxuu fi hojii human hojjerchaa turuu isaa ragaaleen tokko tokko dhugaa bahu. Hojii obsa fixachisaa fi abdii kutachisaa akkanaa osoo hojjetuu waanti abdii Taaaddsaa haaromsu tokko uumame. Biyyoonni xaaliyaanifii Ingiilliiz biyyoota gaanfa Afrikaa koloneeffachuuf carraaqqii guddaa gocha turan keessa isaan tokko.Haa ta’u malee biyyoota lamaan kana gidduuti dursanii koloniin qabachuuf walmorkiitu turen. Kanuma keessa magaalli Moqaadishoo to’annoo human waraana Ingiilliiz jala galte. Ajajaan human waraana Ingiiliz yeroo Sanaa, J/Taaddasaa Birruutiif human waraana Injiilliizit dabalame tajaajila akka kennu gaafate. Taaddasaanis deebii “tole” jedhu kennuuf yeroo itti hin fudhanne.Sababni isaa dararama guddaa keessa waan tureef.Kana booda muuxannoo waraanaa qabuu irratti dabalataan leenjii loltummaa gara keenyaa magaala Mombaasaa deemuun fudhachuu danda’ee jira.Leenjii kana gahumsaan waan xumureef ,al-tokkotti ajajaa shantamaa ta’uun muudameera.
Hanga Mootummaan xaaliyaanii Itoophiyaa gadhiisee bahuttis bakka ergame hundatti deemuudhaan dirqama kennameef bahaa erga turee booda gara biyya isaatti deebi’uun hoogganaa human waraanaa ta’uudhaan biyya isaa tajaajiluu danda’eera.Aangoo kana cinatti J/Taaddasaa Birruu hoogganaa “ye fidel Serawit”ta’uudhan barnoota hawaasa hundaaf waliin gahuuf nama tattaaffii guddaa godhee fi gama kanaanis seenaa hin dagatamne 0l-kaa’ee kan darbee dha.J/Taaddasaa Birruu wa’ee barnoota fi gaaffii mirga eenyummaa Oromoo gaggeessu kan cinnati hojii gama bu’uuraalee misooma kan akka daandii,ibsa fi bishaan Oromiyaa hunda keessatti akka babal’atuuf Waldaa Meecaa fi Tuulamaa keessatti gahee guddaa bahu kan tureedha.J/Taaddasaa Birruu Uummata Itoophiyaaf qofa osoo hintaane ummata Afriikaaf seenaa guddaa raawwatee jira.fkn, yeroo Afrikaan kibbaa gabrummaa Appaaratayidii jala turtetti gara biyya Keenya Itoophiyaa dhufuudhaan kan akka Neelson Maandeellaa fi loltoota isa duukaa jiraniif leenjii guutuu fi deeggarsa gahumsa isaanii cimsuu hunda akka taasieef seenaan ni addeessa.
Jalqabarra Jeneraal Taaddasaan cunqursaa sabaa hubatee waan hin turreef , qabsoo sabaa keessa hin seene.Dhumarra garuu gaafa tokko muumichi ministeera biyyatti yeroo sanaa Obbo Akiliiluu Haabtewoldi mana ofitti galgala Jeneraal Taaddasaa Birruu irbaata erga afeeree booda,Jeneraal kanaan, “Uummata Oromoo Jaarraa tokko duubbatti hambisnee yoo hin bulchine,hin dandeenyu, yeroo baradhaa jettu ummata baradhaa jettuun adda baasuu qabda,uummanni Oromoo yoo baratan galaanaa,nu fudhatu,dandeenyee hin bulchinu,”Jechuudhaan ibsaaf. Yeroo kana B/J/Taaddasaa Birruu kennee wuskiin dhugaa jiru dhiiga natti fakkaate jechuun dhiisanii akka bahanii fi guyyaa sanaa eegalanii cunqursaa sabaa itti Yaaddamee kan seeraan qindaayee tahuu isaa erga hubatanii booda gara Obbo Hayilamaariyaam Gammadaa deemuun waxabajjii 16 bara 1956 miseensa waldaa kana fedhii ofiitiin ta’uun qabsoo uummata oromoof eegalan.B/J/Taaddasaa Birruu Kennee Amaantaa nama jabeessuu fi sanyummaa kan hin qabane nama biyya ofiif amanamaa,dhugaa kan jaalatuu fi yeroo daba argu garuu leencaa dafee aaruu fi tarkaanfii hatattamaa fudhachuunf nama dubatti hin deebine uummanni oromoo akka baratuuf gocha mootummaa yeroo sanaa ifatti nama mormee fi sabni isaa akka baratu qabsaa’aa turedha.
Kana osoo gaggeessaa jiruu diddaa gabrummaa uummata oromoo irraa fonqolchuuf jecha bara 1958 fonqolchaa yeroo jalqaba mootummaa H/Sillaasee irratti adeemsise.Haa ta’u malee mootummaan H/Sillaasee dursee waan dhagaheef naannoo magaalaa finfinnee loltoonni akka marsaan taasisuun J/Taaddasaa Birruufi Maammoo Mazammir akka qabaman godhan.Mootummaan H/siillaassee isaan lamaanittuu murtii du’aa yoo murteessuu,Maammoo Mazammir yeruma sana akka fannifamu taasifame.J/Taaddasaa birruu immoo Mootummaa H/Sillaasee, bara 1953 fonqolcha isa irratti gaggeessan waan fashaleessef, murtii du’aa kana irraa gara hidhaa umurii guutuu akka hidhamuu itti murteeffame.J/Taaddasaa Birruu qabsoo isaa uummata naannoo Harargee, Baalee fi kan biro barsiisuu itti fufe.
Mootummaan H/Sillaasees Sochii barattoonni fi uummanni akkasumas qabsaa’onni taasisaniin kufe.Mootummaan Dargii yommuu angoo qabatu,namoota mana hidhaa fi biyyaa alaa jiraataniif,waamicha taasisee jennaan J/Taaddasaa Birruu itti makamee.Yeroo xiqqoo booda Mootummaa abbaa irree ta’uu isaa kan hubate J/Taaddasaa Birruu loltoota fudhatee gara Salaalee godaansa isaa jalqabe.kana booda mootummaan dargii gocha J/Taaddasaa Birruu kana waan sodaateef, loltootaa isaa duukaaerguun akka hordofan taasise. Yeroo kana loltoonni gama lachuu aanaa muloo jedhamuttiwal arganii waraana jalqaban.kana booda loltoonni gara lamaanuu dhumanii dhumma irratti J/Taaddasaa Birruu qabsoo isaa keessatti “kan barate gaaffii mirga gaafadha” osoo jedhu bara 1967A.L.H Muloo keessatti lubbuun isaa darbee jira.Jeneraal Taaddasaa Birruu lubbuun darbus Uummata Afrikaa,Itoophiyaa fi Oromiyaaf,seenaa hin dagatamne raawwachuun uummata oromoo abbaa Afaanii,Seenaa,Duudhaa,Artii fi eenyummaa isaa akka kabajamuu taasisuu keessatti dhaloonni jiruu fi dhaloonni boruu kan isa yaadata

04/09/2020

Tokkummaa tokkumma maaf woliif hintaane nutihoo obboluma

28/02/2020

holola sobaa oofuun maaliif keessattii guyyaa hadhaa wontiilma namaarraa hin malle odeeffama ture abiyyiin lammaa ajjeese jecha akkanaatu ture kun ilmaan oromoorra hin malus hin midhagus

Gootota oromoo keessaa dhalatan
18/12/2019

Gootota oromoo keessaa dhalatan

Dirección

Mexico City

Página web

Notificaciones

Sé el primero en enterarse y déjanos enviarle un correo electrónico cuando Anas Abdo publique noticias y promociones. Su dirección de correo electrónico no se utilizará para ningún otro fin, y puede darse de baja en cualquier momento.

Compartir

Categoría