Riduwaan huseen

Riduwaan huseen Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Riduwaan huseen, Shopping & retail, الرياض, السعودية, Riyadh.

SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTI raaw'atama jedhameera==========================="Sirni ...
07/09/2026

SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTI raaw'atama jedhameera
===========================

"Sirni awwaalcha Artistiifi qabdooftuu Ilfinash Qannoo guyyaa borii magaalaa Ambootti adeemsifama.

Haalota guyyaa borii:

Ganama obboroo saa’atii 11-12-tti reeffi Hospitaala Kooriyaa irraa gara mana jireenya Ilfinash Qannoo Finfinnee naannoo Inqulaal Faabirikaatti ni geggeeffama (Birbirsa Gooroorraa yeroo dhuftan Mana Barumsaa Taaddasaa Birruu ol darbuun addabaabaayii Gommaa biratti gara harka bitaatti gortu)

Ganama sa’atii 12-1 tti, Reeffi mana jireenyaa irraa gara Istaadiyeemii Finfinneetti ni geggeeffama. (Saa’aatii 1-3tti) Sirni geggeessaa guddaan Istaadiyeemii Finfinneetti ni taasifama. (Namuu akka hin hafne)

Sa’aatii 3 booda Imalli gara Ambootti ni taasifama. Jiraattonni Magaalota akka Buraayyuu, Manaagashaa, Holata, Ejeree, Giincii fi kkf karaatti eeguun geggeessaa gootaa akka gootan isniif dhaamna.?"

02/09/2026

yaa raabbii

21/05/2026
Sermon jimaata masjiida guddaatti shaakala filatamooSuuratu Al-“AsrDhugumatti, haasawa bu’aa qabeessaa fi beekamtiin gud...
16/01/2026

Sermon jimaata masjiida guddaatti shaakala filatamoo

Suuratu Al-“Asr

Dhugumatti, haasawa bu’aa qabeessaa fi beekamtiin guddaan kitaaba Allaahaati. Irra deebi’uun hiika isaa hin dadhabsiisu, dinqiin isaas hin dhaabbatu. Boqonnawwan Noble Qur’an kessa suurah aayata sadi qofa qabata, ammalle jechoota kudhan guutu kan qabata kan jireenya namatif hojii wal madalawa fi madalawa ta’e dhiyessu. Ergama namaa kan ibsu fi daandii gammachuu Allaahaa fi fayyinaa nama geessu ifa godha. Kuni Suuratu Al-“Asr.

“Ani Allaahatti maganfadha sheeyxaana irraa, haqa qabeessa. Bismillahirrahmannirrahiim Yeroodhaan. Dhugumatti, ilmi namaa kasaaraa keessa jira, warra amananii fi hojii qajeelaa dalaganii fi haqarratti wal gorsanii fi wal obsan malee. ” ”

Allah, gabbaramaa fi ol ta’aan, yeroodhaan kakata, akkasumas Rabbiin uumama isaa irraa waan fedheen qofa kakata. Akka namootaatti Rabbiin malee kakachuun hin hayyamamu.

Al-“Asr yerootti, zamana sochiin ilmaan Aadam itti adeemsifamu—gochoota gabbarummaa yookiin hir’ina. Yeroo gaarummaa fi hammeenyi itti uumamu, badhaadhummaa fi miidhaa, soorummaa fi hiyyummaa, oobsummaa fi cubbuu, dammaquu fi hirriba, fayyaa fi dhukkuba, tokkummaa fi qoqqooduu, hojii fi dadhabbii, bu’aa fi kisaaraa, jireenyaa fi du’a.

Yeroon ujummoo nama gara Aakhiraatti baatu, hojii fi hojii isaa baatuudha. Guyyaan dabru hundi nama gara Aakhiraatti dhihaata. Yeroon dirree gochi itti aadaa ta'eedha.

Kaappitaalli dhala namaa bara jireenya isaati. Yoo bashannanaa fi taphaan dabarse, inni dhugumaan mo'amaadha. Badiin guddoon rahmata rabbii irraa hir’achuudha. Namoonni akkaataa yeroo isaaniitti fayyadaman garaagarummaa: gariin cubbuu keessatti dabarsu, kan badii fi badii hamaa ta’e; kaan ammoo dhimma hayyamamaa ta’een dabarsu; kaan immoo hojiidhaan dabarsu.

Gochoonni of danda’uu sadarkaa adda addaa qabu. Mu’minni hojii xiqqoon qabiyyee ta’uu danda’a, ammalle inni dhugumatti bu’aa qabeessa yoo namoonni akka kasaaranitti isa hubatanillee—sababni isaas inni gammachuu Allaah ar

..baresan. sharif Abdulmalik.Imaam Shaafi’in akkana ja’a :.Gama Rabbii haala miilaan okkoltanii fi miilaa cabxaniiniis d...
13/01/2026

..baresan. sharif Abdulmalik.Imaam Shaafi’in akkana ja’a :.

Gama Rabbii haala miilaan okkoltanii fi miilaa cabxaniiniis deemaa.!”

Hiikkaan si miilaan okkolullee taatu gara Rabbii deemi jachuudhaa maali ?!
Salaatuu jalqabdeeti jirta ammoo salaatni kee Kushuu’a hin qabu..
Qur’aana qara’uu jalqabdeeti jirta ammoo Qur’aanni sirratti jabaata bareechitee qara’uu hin dandeeysu..
Intala siif haraam ta ati dubbistuutu jira ammoo eeguma irraa Towbatte isiin sitti boonyaan itti deebite..
Jireenya kee akka Rabbiin jaalatutti gama Rabbii achi gara galteeti jirta ammoo yeroo garii lubbuun tee si injifatteeti if duuba deebita.. if duuba hin deebi’in fuulduratti deemi.
Boruun qajeelee Towbadha jatteetiis yeroo hin qabatin.
Guyyuu ittumaan deebi’a maalifin Towbadha jatteetiis garaa hin muratin.
Waan Rabbiin kee jaalatu hojjachuufiis yeroo hin qabatin..arruma gama Rabbii keeti achi gara gali.
Dhukkee waan Rabbiin kee hin jaalannee firraa dhadhawii isaaf qulqullaawi.!

Ibnul Qayyim akkana ja’a ;
Namni Tokko ibaadaa irratti tattaafachuu irraa hin deemu hanga Rabbiin Malaa’ikaa gama ibaadaatti isa ooftu ,hirriiba isa kaaftu isaaf mijjeeysutti ja’a.!
Rabbiin ol tahe akkana ja’a ;
{Warra karaa keenya keessatti tattaafate ,karaa keenyaaf isaan qajeelchina.}

Nama beekkamaa Artistii fii Abbaa Qabeenyaa akkasuma namoota Hawaasa keessatti bebbeekkamoo fii jaalatamoo tahan waliin ...
12/01/2026

Nama beekkamaa Artistii fii Abbaa Qabeenyaa akkasuma namoota Hawaasa keessatti bebbeekkamoo fii jaalatamoo tahan waliin abbummaan fedhe bakka waltajjii fii iddoo gara garaatti suuraa waliin ka’uu ni dandaya.
:
Duuba suuraa namni dhaabbatee si waliin ka’uu yoo barbaade naa waliin hin ka’in hin jettuun. Yoo suuraa si waliin ka’anis saniif itti gaafatamuus hin qabdu.
:
Nama suuraa si wajjiin ka’e tokkoof wanni yakkamaa si godhuu fii maqaa kee si xureessaatis hin jirtu.
:
Yaada rakhisha akkanaa kana akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuu dhiisaa.
:
Yaadataa Juneeydii akka ilma Oromoo tokkotti nama Arjaa fii Oromoon isa biratti hin beeloyne, birattis wallaansa dhabaaf hin duune. Hanga dandeeytii isaatti nama waan dandayu hunda Saba kanaaf godhaa jiru.
Nama Sabboonaa dha.
:
Akkasuma Artist Kemer Yuussuf nama saba kana karaa guddina aadaatii fii wellee warraaysaa hedduun tajaajile.
:
Dhiiroo cubbuu dhiisaa.
Ilaalcha Siyaasaatiif jecha lafee wal hin jibbinaa.
:
Maqaa wal hin xureessinaa.
Ayaa hegeree laalaa.👁👁
Wal dhiisaa.
:
Fayyaa tahaa!

Nagaheen gurgurtaa harkaa harkaattii koodii addaa hin qabne boruu eegalee hojiirra hin oolu - MinisteerichaFinfinnee, Mu...
08/01/2026

Nagaheen gurgurtaa harkaa harkaattii koodii addaa hin qabne boruu eegalee hojiirra hin oolu - Ministeericha

Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Nagaheen gurgurtaa harkaa harkaattii koodii addaa hin qabne boruu eegalee hojiirra hin oolu jedhe Ministeerri Galiiwwanii.

Ministeerichi yakka waliin dhahuu Taaksiirratti raawwatamu ittisuuf Nagahee Koodii Addaa(QR Cod) qabu bara darbe baatii Muddee hojiirra oolchuun ni yaadatama.

Boruu eegalee nagaheen gurgurtaa harkaa harkatti raawwatamu kan koodii addaa hin qabne guutummaatti dhorkamuu ministeerchi ibseera.

Haaluma kanaan Amajjii 1, 2018 eegalee nagaheen koodii addaa qabu guutummaatti hojiirra kan oolu ta’uu hime.

Kaffaltoonni gibiraa nagaheen akka maxxanfamuuf gaaffii dhiyeessanii hanga ammaatti hin fudhanne Waajjira damee gibira itti kaffalanii nagaheewwan kanneen akka fudhatan yaadachiisera.

Dhaabbilee daldalaa qajeelfama kana hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Address

الرياض, السعودية
Riyadh
12211

Telephone

+251981232434

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Riduwaan huseen posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Riduwaan huseen:

Shortcuts

Share