17/03/2022
Mar,17-2022-Laammiilee Itiyoophiiyaa Sawud-Arabiyaa jiran deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun Lammiileen kumni 35 galmeen isaani xumuramuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dhimmoota dippilomaasii Siyaasaa, Dinagdee fi lammiilee irratti ibsa kan kennan Dubbii himaan Ministeericha Ambaasaador Diinaa Muftii, Afriikaa Bahaatti ergamaan adda Chayinaa Ministeera Muummee Itti aanaa fi Ministeerri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin waaliin marii taasisuu himan.
Deeggarsa gama hundaa Chayinaan Itiyoophiiyaaf taasisaa jirtuuf galateffachuu eeruun Chayinaan gama isheen deggarsa fi walitti dhufeenyaa gama hundaan Itiyoophiiyaa waliin qabdu cimsitee
akka itti fuftu ibsuu beeksisaniiru. Dhimma Dippiloomaasii biroon Ambaasaddaroonni haaraan Itiyoophiyaa Jaappaan , Ijipti, Kuubaa , Eertiraa , Kooriyaa Kibbaa, Ameerikaa , Morookoo, Paakistaan, Kootdivoor, Awustaraaliyaa, Ruwaanda, Sudaan, Siwiidinitti muudamuu eeruun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa biyyoota kanneen waliin qabdu daraan akka cimsuu eeraniiru.
Gama dippiloomaasii lammiileen walqabatee hojii lammiilee Itiyoophiiyaa Sawud Arabiyaa jiran baasuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti galmee fi ragaan lammiilee kuma 35 qulqullaa'uu eeruun yeroo gababa keessatti gara biyyatti akka deebi'an ibsaniiru.